Tamsaasa Kallatti:

Hirmaannaa qooda fudhattootaa nageenya eegsisuu keessatti qaban cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru

 

Mudde 10/2018(TOI)-Hirmaannaa qooda fudhattootaa nageenya eegsisuu keessatti qaban cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiraachuu ibsame.

Waltajjiin marii gahee hawaasni barnootaa nagaa ijaaruu keessatti qabu cimsuuf kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti haasawaa kan taasisan Ministeera Nageenyaatti Itti Gaafatamaan Deeskii Ijaarsa Nagaa obbo Wandasan Mokonnon akka jedhanitti, qooda fudhattoonni hundi adeemsa ijaarsa nagaa abbummaan akka hojjetaniif hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jira.


 

Kanaaf mootummaan Marii Biyyoolessaa hunda hammataa ta’e waliigaltee dhabuu fi walitti bu’iinsa jiru dhaabbataan furuuf, qophii caasaa diriirsuu irra darbee, haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, bu’uuraalee seeraa haqaa ce’umsaa diriirsuun nagaa buusuuf tattaaffiin bu’a qabeessa taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Dhaloonni safuu fi duudhaa gaariin akka guddatu manneen barnootaa keessatti kilaboota nageenyaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti fooramiiwwan nageenyaa qopheessuun ijaarsa nageenyaa irratti hojjechaa akka jiramu dubbataniiru.


 

Kanaanis manneen barnootaa keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu nagaan akka raawwatamu mirkanaa’uu ibsaniiru.

Dantaa biyyoolessaa eegsisuu fi hubannoo seenessa waloo uumuu, eenyummaa fi duudhaalee biyyaalessaa guddisuuf tajaajilli tola ooltummaa daangaa qaxxaamuraa dargaggoonni irratti hirmaatan guddisuun, yaada naannoo irra darbanii waa’ee Itiyoophiyaa akka baran gargaaruun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Kanumaan walqabatees dhaabbilee amantaa, jaarmiyaalee hawaasa lammummaa, fi qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jirus akeekaniiru.

Ministeera Barnootaatti Hogganaan Deeskii Sirna Barnootaa Omar Yimaam akka jedhanitti, dhaabbileen barnootaa beekumsaa fi ogummaa qaruun bira darbee nageenya ijaaruu irratti xiyyeeffachuu qabu.

Lammiilee gidduutti walii galtee fi wal hubannoo jiru,tokkummaa fi ijaarsa namuusaaf afaayidaa olaanaa qabaachuus ibasniiru.

Waltajjiin marii kun manneen barnootaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti nageenya dagaagsuuf tattaaffii taasifamaa jiruuf galtee kennuu keessatti gahee murteessaa akka qabus hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015