Tamsaasa Kallatti:

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa Itiyoophiyaarra darbee Afriikaaf Eebba Aannisaa fi Ifa ta’eera - Injiinar Kifilee Horoo

Mudde10/2018(ENA)- Hidhi Haaromsa guddichi Itiyoophiyaa Itiyoophiyaarra irra darbee Afriikaaf eebba humnaa fi ifaa ta’eera jechuun hojii gaggeessaan Pirojaktii Hidha Haaromsaa Injiinar Kifilee Horoo ibsan.

Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa qaammee 4 bara 2017 hoggantoonni biyyoota bakka argamanitti Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifamuunsaa ni yaadatama.

Ministirri Muummee kun ergaa wayita sana dabarsaniin Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Itiyoophiyaarra darbee biyyoota ollaa fi biyyoota Afriikaa biroof humna ibsaa dhiheessuun seenaa guutuu Uummata gurraachaa kan jijiiru ta’uu ibsaniiru.

Hojii gaggeessaan Pirojaktii Hidha Haaromsaa Injiinar Kifilee Horoo ENA Afaan Oromoof akka ibsanitti, Hidhichi dhiheessii humna Ibsaa biyyaa humna guddaan dabaluun guddina Diinagdeef gumaacha olaanaa gumaachaa jira.

Kanaanis biyyoonni humna Industirii akka argatan gochuun guddina biyyaaf qooda akka qabu eeraniiru.

Hidhichi Itiyoophiyaanonnii fi Afrikanonni mallattoo ni danda’amaa ta’uu kan ibsan injiinar Kifileen, eebbisaa itiyoophiyaa bira darbee Riijinichaa fi Afriikaaf gahuu eegaleera jedhaniiru.

Biyyoota ollaaf humna dhiheessuun walitti hidhaminsa riijinii caalaatti kan cimsu ta’uu eeruun , gara fuula duraattis biyyoota Afriikaa biroof humna ibsaa dhaqqabsiisuun madda ifaa akka ta’uu eeraniiru.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaanonni dhiibbawwan keessaa fi Alaa addaa addaa dandamachuun kan milkeessanii fi agarsiistuu cihoomaa fi mo’ichaa ta’uu eeraniiruun, pirojaktii gurguddoo fuulduratti ijaaramaniif bu’uura kan kaa’u ta’uu dubbataniiru.

Maallaqarra darbee Arsaan lubbuu itti kaffalamee kan ijaaramee fi ashaaraan waloo guddaan kan itti galmaa’e ta’uu ibsaniiru.

Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa humna ibsaa Meeggaa waattii Kuma 5 fi 150 maddisiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015