Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohaammad waliin mari’atan

Mudde 10/2018 (TOI)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii rippaabiliikii federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheeh Mohaammad waliin mari’ataniiru.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitii isaaniin dabarsaniin pirezidaantii Somaaliyaa daawwannaa hojii guyyaa tokkoof simachuusaanii ibsaniiru.

Mariilee hariiroo gam lame wagga tokkoof irratti hojjechaa turre itti fufuun marii firii qabu gooneerra jedhaniiru.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaasaaniin akka ibsanitti, yaanni wal jijjiirre dhimmoota keenya waloo dursi kennamuuf raawwachuuf akkasumas hariiroo cimaaf, tasgabbii riijinii fi misoomaaf kutannoo qabnu irra deebi’uun kan cimse ture.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015