Haala mijataa misoomni Koriidaraa Magaalaa Kamisee jiraattotaaf uume - ENA Afaan Oromoo
Haala mijataa misoomni Koriidaraa Magaalaa Kamisee jiraattotaaf uume
Mudde 10/2018(TOI)- Misoomni Koriidaraa magaalaa Kamisee magaalittiif miidhagina dabaluun cinatti deemsa lafoof haala mijataa uumuu jiraattonni magaalichaa himan.
Magaalaa Kamiseetti ijaarsi misooma koriidaraa marsaa jalqabaa xumuramee hojiin misoomaa marsaa lammaffaa eegalameera.
Jiraattota magaalittii kan ta’an Abbaa Bokkuu Adam Mahaammad, obbo Ahimad Mahaammad fi Mahaammad Muusaa TOItti akka himanitti, magaalaan Kamisee rakkoo daandii lafoo akka qabdu eeruun, kanuma irraa kan ka’e kanaan dura lafoo deemtonni balaa konkolaataaf saaxilamuun lubbuun darbaa fi miidhaa qaamaaf saaxilamaa kan turan amma erga misoomni koriidaraa hojjetamee rakkoon kun furameera jedhan.
Misoomni koriidaraa magaalattii daandii bishkileetii, daandii lafoo fi bakkeewwan bashannanaa biroo akka hammatutti kan qophaa’e waan ta’eef, bashannanaaf bakka filatamaa ta’uu ibsaniiru.
Hogganaan Waajjira Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Bulchiinsa Magaalaa Kamisee Ismaa’eel Naasir akka jedhanitti, misoomni koriidaraa kiiloo meetira 1 tuqaa 2 magaalattii keessatti marsaa jalqabaan xumuramee tajaajilaaf ga’eera.
Misoomni Koriidaraa daandii bishkileetii fi lafoo, bakka bakka boqonnaa, bashannana fi bakka ispoortii itti hojjetan akka hammatu kan ijaarame ta’uu ibsuun, marsaan lammaffaan haala cimaa ta’een kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan ijaarsi koriidaraa kiiloo meetira 4 tuqaa 8 yeroo ammaa ijaaramaa akka jiru eeruun, saffisaa fi gahumsaan xumuruuf tattaaffiin qindoominaan taasifamaa jira jedhan.