Waltajjiin Marii Hawaasaa Hararitti gaggeeffame misoomaa fi ijaarsa nageenya waaraaf ejjennoon waloo kan itti fudhatamedha - ENA Afaan Oromoo
Waltajjiin Marii Hawaasaa Hararitti gaggeeffame misoomaa fi ijaarsa nageenya waaraaf ejjennoon waloo kan itti fudhatamedha
Mudde10/2018(ENA)- Waltajjiin Marii Hawaasaa Hararitti gaggeeffame misomaa fi Ijaarsa nageenyaa fulla’aaf ejjennoon waloo kan itti fudhatame ta’uu Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira damee Naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa ibsan.
Naannoo Hararii dabalatee Magaalaa Finfinnee fi magaalota naannoolee adda addaatti mariin hawaasaa mataduree “labsii guubaa, bu’alee mootummaa ida’amuu ” jedhuun gaggeeffamaa turuunsaa ni yaadatama.
Waltajjiin kanaan hojiileen misoomaa Mootummaadhaan eegalamanii fi abdiin irra kaa’ame akka itti fufaniif, nagaa fi tasgabbiitiif xiyyeeffannoon hojjechuu, qaala’insa jireenyaa to’achuurratti yaadni hirmaattotarraa baay’inaan ka’eera.
Waltajjii marii hararitti gaggeeffamerraa qabxiiwwan bu’uuraa maalfaatu ka’ee? Jechuun ENA Afaan oromoo, itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa dubbiseera.
Marii gaggeeffameen hawaasni abbaa misoomaa fi Nageenyaa ta’uusaa qabatamaan kan argisiise akkasumas jalqabbii gaarii mootummaaf beekamtii kan kenne ta’uu ibsaniiru.
Waltajjichaan hawaasni bulchiinsa gaarii, bu’uuraalee misoomaa, nageenya cimsuu, kenna tajaajilaa fi hojiiwwan misoomaa biroo irratti Hawaasni hirmaannaasaa kan argisiisee fi hojii hojjetameefis beekamtii kan kennedha jedhaniiru.
Haaluma Kanaan hojiiwwan misoomaa eegalaman galmaan ga’uun, hanqinoota ka’an sirreessuu fi fayyadamummaa hawaasaaf caalaatti dhimmuuf waltajjii hoggantoonni itti waadaa galan ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan misooma waloo fi tokkummaa sabdaneessummaaf dhimmuun bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu kaasuun galteewwan hawaasarraa argaman fudhachuun, hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru milkaa’ina caaluuf hojjechuuf qophaa’eera jedhaniiru.
Hawaasni Naannichaa Nageenya fi misoomaa deeggarsa taasisaa jiruuf galateeffatanii, hojiiwwan fuulduratti hojjetamaniif deeggarsisaanii cimee akka itti fufu gaafataniiru.