Misoomni Koriidaraa Magaalaa Gimbiitti hojjetamaa jiru naannoo qulqulluu uumeera - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Koriidaraa Magaalaa Gimbiitti hojjetamaa jiru naannoo qulqulluu uumeera
Mudde 10/2018(TOI)-Misoomni Koriidaraa Magaalaa Gimbiitti adeemsifamaa jiru, haala dhabamsiisa kosii magaalittii sirreessuun naannoo qulqulluu akka qabaannu nu taasiseera jedhan jiraattonni magaalittii.
Jiraattonni yaada isaanii TOItti himan misoomni koriidaraa magaalittii miidhagsuun dabalatatti haala jireenya jiraattotaa kan jijjiiredha jedhan.
Misoomni koridaraa qabeenya naannoo isaanii jiru akka hubatan gochuun, naannawa qulqulluu fi jireenyaaf mijataa ta’e uumeera jedhan jiraataan magaalattii obbo Iddoosaa Gabbisaa.
Hojiin misooma koridaraa jiraattonni miilaan akka socho’an haala mijataa kan uume ta’uu ibsuun, daandii miillaa addaa, bakka magariisa qulqulluu fi ibsaa daandii miidhagina daandichaaf dabalu dhaabamuu ibsaniiru.
Jiraataan magaalichaa Sheeh Huseen Geetaahuun gamasaaniitiin misoomni koridaraa kun yeroo gabaabaa keessatti bifa magaalattii jijjiiree, magaalattiin daran bareedduu akka taatu taasiseera jedhan.
Kantiibaan Magaalaa Gimbii obbo Fayyeeraa Abboomaa hojiin misooma koriidaraa magaalattii xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hojiileen hafan yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf hojjetamaa jiru jedhan.
Misoomni koriidaraa magaalattii daandii lafoo, kan konkolaataa fi naannoo magariisaa akka qabu eeruun, hanga ammaatti daandiin gara kiiloo meetira lamatti siqu hojjetamuu himaniiru.
Keessattuu, misoomni koridarichaa lammiileef carraa hojii uumuu qofa osoo hin taane, dargaggoonni yunivarsiitii irraa eebbifaman waan yeroo barnootaa baratan qabatamaan hojiirra oolchuun galii akka argatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Magaalaa Gimbii jireenyaaf, daldalaa fi invastimantiif mijattuu taasisuuf tattaaffiin taasifamu cimee itti fufuu akka qabu kantiibaan kun mirkaneessaniiru.