Tamsaasa Kallatti:

Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa Biilalul Habashii daawwatan

Mudde 10/2018 (TOI)-Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa Biilalul Habashii naannawa Bakkanniisaatti argamu daawwataniiru.

Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti dabarsaniin Biilalul Habshiin qama seenaa Itiyoophiyaa kan ta’e golambaa imala islaamummaa Itiyoophiyaa ka’umsarraa amma ammaatti jiru agarsiisu gurmeessuusaa ibsaniiru.

Golambaawwan seenaa Islaamummaa yaadatan xiqqaa waan ta’aniif, golambaan kun gatii guddaa qaba jedhaniiru.


 

Seenaan Hijiraa jalqabaarraa eegalee jiru golambaa kana keessatti akka agarsiifamu eeranii, kun ammoo Itiyoophiyaan bakka boqonnaa Sohaabaawwan hedduu, bakka Aliimonni gurguddoon itti argamanii fi buufata hambaalee islaamummaa dinqisiisoo akka taate kan agarsiisu akka ta’e ibsaniiru.

Dahaabbatichi dargaggoota ogummaan leenjisee hojiif qopheessuun, harka qalleeyyii deeggaruun, qorannoo fi qu’annoo deeggaruun, bakka dargaggoonni oolan mijataa qopheessuun gumaachi taasisu baay’ee guddaadha jechuun dinqisiifataniiru.


 

Biilaluu Habashii kaayyoo iddiroonni amma qabatan caalaa raawwachuun jireenya hawaasaa jijjiiruu akka danda’an dhaabbata fakkeenya qabu ta’uusaa himaniiru.

Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ergaasaaniin dhaabbaticha deeggaruun seenaa keenya akka kunuunsinuu fi dargaggoota keenya akka ga’oomsinu waamicha dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015