Waldaaleen shamattootaa tasgabbii gabaaf qooda olaanaa gumaachaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Waldaaleen shamattootaa tasgabbii gabaaf qooda olaanaa gumaachaa jiru
Mudde 10/2018(TOI)- Waldaaleen shammattootaa Magaalaa Finfinnee jiran meeshaalee bu’uuraa gatii madaalawaan dhiheessuun tasgabbii gabaaf qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu shamattoonni ibsan.
Yaadasaanii TOI’f kan kennan Obbo Abarraa Tasammaa fi Aadde Balaayinash Shenqux kutaan hawaasa galii gad-aanaa qaban meeshaalee bu’uuraa haala humnisaanii gituun shamatuuf rakkachaa akka turan ibsaniiru.
Yeroo ammaan waldaaleen shamattootaa naannoosaaniitti babal’achuunsaa meeshaalee bu’uuraa baay’inaa fi gatii madaalawaan akka argatan dandeessisuu dubbataniiru.
Waldaaleen baay’achuun shamattootaaf boqonnaa kennuurra darbee daldaltoota seeraan alaa gatii hin malle dabalan ittisuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Shammataan Obbo Xilahuun Haayilee jedhaman gamasaaniin qaala’insa gatii to’achuuf shoorri waldaalee olaanaa ta’uu eeruun, dhiheessii Sukkaaraa fi zayitiirratti hanqinoota mul’atan bu’uurarraa akka furan gaafataniiru.
Hojii gaggeessaa Olaanaan waldaa shammattootaa Daraash lamarkaatoo obbo Geetaachoo Gabree fi Bulchiinsi Humna namaa Waldaa shamattootaa Birhaan lahizibii Ajajaadhibbaa Baayyee Daamxoo, dhiheessiiwwan omisha addaa addaa irratti hanqinoota mul’atan furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Waldaaleen shammattootaamagaalichatti argaman baay’achuun tasgabbii gabaaf qooda olaanaa taphachuusaanii ibsaniiru.
Komishinarri Komishinii Waldaa Hojii Gamtaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Shittaayee Mahaammad yeroo ammaa man-kuusaa keessa omishni qonnaa fi industirii ga’aan jiraachu beeksisaniiru.
Omishoota tokko tokkoratti hanqinoota mul’atan furuuf dhiheessii guddisuun omishtootaa fi raabsistoota waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Motummaan dhiibbaa qaala’insa jireenyaa salphisuuf dhiheessii omishaa dabaluun xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj ibsaniiru.
Yeroo ammaa hawaasni walda shamattootaa dabalatee gabaawwan sanbataa fi dilbataarraa gatii madaalawaan akka argatan taassifamuusaa ibsaniiru.