Kaawunsiliin biyyaalessaa industirii oomishaa Industiriiwwan magaalaa Bahaar Daaritti argaman daawwate - ENA Afaan Oromoo
Kaawunsiliin biyyaalessaa industirii oomishaa Industiriiwwan magaalaa Bahaar Daaritti argaman daawwate
Mudde 10/2018(TOI)-Gorsaan dinagdee Gooroo ministira muummee ambaasaaddar Girmaa Birruu fi miseensonni kaawunsilii biyyaalessaa industirii oomishaa industiriiwwan garagaraa magaalaa Bahaar Daaritti argaman daawwachaa jiru.
Daawwannaa kana kan eegalan warshaa nyaata loonii qiqindeessu Mulleerraa yoo ta’u itti fufuunis warshaalee magaalattiitti argaman biroo akka dawwatan eegama.
Hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo hedduun daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Kaayyoon daawwannichaa haala qabatamaa industiriiwwan oomishaa irra jiran ilaaluun rakkoolee mudachaa jiraniif qindoominaan furmaata kennuuf ta’uun eerameera.
Gorsaan dinagdee gooroo ministira muummee fi walitti qabaan kaawunsilii biyyaalessaa ambaasaaddar Girmaa Birruu, bulchaan naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaa, ministirri industirii Malaakuu Allabal, Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa akkasumas hooggantoonni olaanoo Biroon argamaniiru.