Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame.
Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa.
Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira.
Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera.
Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera.
Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera.
Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru.
Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru.
Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.
Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera.
Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.