Piriimar liigiin Itiyoophiyaa torban 10ffaan har’a eegala - ENA Afaan Oromoo
Piriimar liigiin Itiyoophiyaa torban 10ffaan har’a eegala
Mudde 10/2018(TOI)-Sabaaba Taphoota waancaa Itiyoophiyaan addan citee kan ture sagantaan Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan ni deebi’a.
Guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti Baankiin daldalaa Magaalaa Aarbaa Minci waliin taphata.
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 9 gaggeesse keessaa injifachuu kan danda’e yeroo toko qofa.
Yeroo sadii yoo injifatamu yeroo 5n qixaan adda baheera.
Taphichaan galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera.
Injifataan liigichaa bara 2016 Baankiin Daldla Itiyoophiyaa qabxii 8n sadarkaa 15ffaa qabateera.
Morkataansaa Magaalaan Arbaa Minci liigichaan hanga ammaatti tapha injifate hin qabu.
Yeroo 4 yoo mo’atu yeroo 5n qixaan adda baheera.
Galchii 4 yoo lakkofsisu galchii 9 keessummeesseera.
Magalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gad- aanaa irratti argama
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa gara injifannoo deebi’uuf taphata, Magaalaan Aarbaa Minci qabxii jalqabaa sadii argachuuf ni taphata.
Sagantaa biroon Midiregannat Shireen Magalaa Baahir Daar waliin guyyaa 9:00 tti Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu.
Midiregannat Shireen liigichatti Taphoota 9 gaggeesseen yeroo sadii yoo injifatu yeroo 2 mo’ameera.
Taphoota hafan 4n qabxii qooddateera.
Taphoota sagal irratti galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera.
Garichi qabxii 13n sadarkaa 8 qabateera .
Liigichatti taphoota 9 gaggeesse keessaa 3 yoo injifatu haaluma wal fakkaatuun magaalaa baahir Daar yeroo 3 mo’ameera.
Taphoota hafan sadiin qixa baheera.
Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu haaluma walfakkaatuun galchii 9 keessummeesseera.
Magaalaan Baahidaar qabxii 12n sadarkaa 11ffaa irratti argama.
Galgala sa’aatii 12:00 irratti Maqalee 70 Indartaan Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu.
Maqalee 70 Indartaan qabxii 5iin sadarkaa 19ffaa, Hadiyyaa Hosaa’inaan qabxii 17n sadarkaa 17ffaa qabatanii sadarkaa gad- aanaarratti argamu.
Taphichi maqalee 70 Indartaan liigichaan qabxii jalqabaa 3 argachuuf yoo taphatu, hadiyyaa hosaa’inaan gara injifannootti deebi’uuf taphata.
Taphni Piriimarliigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan anga Mudde 12 bara 2018tti ni tura.
Bunni Sidaamaa qabxii 20n liigicha dursaa jira. Hadiyyaa Hosaa’inaan Walwaaloo Addagiraat Yunvarsiistii, Maqalee 70 Indartaa fi magaalaan Aarbaa Minci sadarkaa 17 hanga 20 qabachuun sadarkaa gad- aanaa keessatti argamu.