Tamsaasa Kallatti:

Dursaan liigichaa Itiyoo Elektiriikiin Magaalaa Adaamaa waliin ni taphata 

Mudde 10/2018(TOI)- Piriimar Liigii Dubartoota Itiyoophiyaa torban 13ffaan har’a  xumurama. 
Guyyaa sa’aatii 4:00 irratti magaalaan Adaamaa Itiyoo-Eleektirikii waliin  Istaadiyeemii  Yaadannoo Abbabaa Biqilaatti  ni taphatu. 
Magaalaan Adaamaa  liigichaan  taphoota 12 gaggeesseen  Afur yoo injifatu  yeroo shan mo’ameera.  
Taphoota hafan lamaan qixa deebi’aniiru. 
Taphichaan galchii 11 yoo lakkoofsisu  galchii 21 keessummeesseera .
Magaalaan Adaamaa qabxii 15n sadarkaa 8ffaa qabateera. 
Morkataansaa Itiyoo-Elektirikiin bara dorgomichaan taphoota 12 gaggeessee  taphoota 11 yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. 
 Galchii 30 yoo lakkoofsisu  galchii 7  keessummeesseera. 
Itiyoo Elektirikiin liigicha qabxii 33n  dursaa jira .
Torban 12ffaan  injifataan  liigichaa yeroo sanaa  Baankiin Daldala Itiyoophiyaa 1 fi 0’n injifachuunsaa ni yaadatama. 
Garichi yoo injifate dursummaa liigichaa ni cimsa.
 Magaalaan Adaamaa  liigichatti gara  injifannootti  deebi’uuf  ni taphata. 
Sagantaa  biroon  Magaalaan Hawasaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti  istaadiyeemii yaadannoo Abbabaa Biqilatti ni taphatu. 
Magaalaan Hawaasaa Taphoota 12 gaggeessee  yeroo 8 yoo injifatu  yeroo  lama  mo’ameera. 
Galchiiwwan 22 yoo lakkoofsisu galchii  9  keessummeesseera. 
Garichi qabxii 26n sadarkaa 4ffaa  qabateera.
Injifataan liigichaa yeroo baankiin Daldala Itiyoophiyaa  taphoota 10n  gaggeesseen  8 yoo  injifatu  yeroo 1 mo’ameera. 
Galchii  27  yoo lakkoofsisu galchii 2 keessummeesseera. 
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa  taphni 2 osoo isa hafuu  qabxii 25n  sadarkaa 4ffaa qabateera. 
Gareewwan lameen taphicharratti  morkii cimaa gaggeessu jedhamee  ni eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015