Tamsaasa Kallatti:

Sochii geejjibaa oomishaalEE Alergii fi alaa galanii si’achiisuuf xiyyeeffatameera

Mudde 9/2018(TOI)- Itiyoophiyaa fi Jibutiin Sochii geejjibaa oomishaalee Alergii fi alaa galanii caalaatti si’achiisuu fi walitti hidhamiinsa biyyoonni lamaan qaban cimsuuf kutannoo akka qaban ibsan.

Gareen jiaa olaanaa Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraahin durfamu ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa Jibutii Abdulqaadir Huseen waliin mari’ateera.

Marii kanaanis Itiyoophiyaa fi Jibutiin Sochii geejjibaa oomishaalee Alergii fi alaa galanii caalaatti si’achiisuu fi walitti hidhamiinsa roga hedduu cimsanii itti fufsiisuuf kutannoo akka qaban mirkaneessaniiru.

Dhimmoota tumsa biyyoota lamaan jidduu jiru cimsanirrattis mari’ataniiru.

Obbo Adam Faaraahiin kan durfamuu fi ministira geejjibaa fi lojistiksii Dr. Alamuu Simee  fi hojii raawwachiisaa olaanaa waldaa aksiyoonaa baabura lafoo Itiyoo Jibutii Injiinar Taakkalaa Uumaa dabalatee gareen jilaa olaanaa mootummaa Jibutii daawwachaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015