Tamsaasa Kallatti:

Rakkoolee karaa nagana furuun bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaa hammataa ta’eef qooda olaanaa qaba

Mudde 9/2018(TOI)- Rakkoolee Itiyoophiyaa keessa jiran karaa nagana furuun bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaa hammataa ta’eef qooda olaanaa akka qabu komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayyee ibsan.

Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayyee TOI waliin turtii taasisaniin, wantoota akka biyyaatti irratti waliigalamu adda baasuun mari’achuu fi rakkoo Jiraniif furmaata egeree kaa’uun ergama ijoo komishinichaati jedhaniiru.

Komishinarichi qaamolee karaa nagaa mari’achuu barbaadan hirmaachisuu fi yaada qaban achi keessatti qabachuuf haala mijataa uumaa akka jiru dubbataniiru.

Waggoottan darban mootummaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun hojii hojjeteen bu’aaleen hedduu argamuusaanii kaasaniiru.

Hidhattoota duraanii gara filmaata nagaatti deebisuun biyyattiitti nagaa fi misooma mirkaneessuuf tattaaffii taasifamuuf bu’ura ta’uusaa eeraniiru.

Hidhattoonni duraanii karaa nagaa filachuunsaanii adeemsa marichaaf tarkaanfii gaarii akka ta’u dubbataniiru.

Dabalataanis maricha caalaatti hammataa akka taasisuu fi milkaa’inasaafis qooda ijoo akka qabaatu ibsaniiru.

Filmaattonni karaa nagaa yeroo amma mul’achaa jiran guddina akka biyyaatti eegamuuf bu’ura guddaa fidanii dhufuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015