Itiyoophiyaan mirgaa fi nageenya godaantotaa eegsisuun shoora idil addunyaa irratti qabdu cimsitee itti ni fufti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan mirgaa fi nageenya godaantotaa eegsisuun shoora idil addunyaa irratti qabdu cimsitee itti ni fufti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Mudde 9/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan mirgaa fi nageenya godaantotaa eegsisuun shoora idil addunyaa irratti qabdu cimsitee akka itti fuftu itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Guyyaa har’aa bakka itti aanaan ministira muummee argamanitti kabaja guyyaa godaantotaarratti qaamolee godaantummaa ilaalchisee dhiibbaa gaarii uumanii fi jijjiirama Fidan “shaampiyoonaa Godaansaa” jedhuun kabajameera.
Wayita kana, mootummaan imaammatasaa lammiirratti xiyyeeffteetiin lammiilee biyyoota garagaraatti rakkoorra jiran kabajaan biyyatti deebisuun akka damdamatan gochuu xiyyeeffannaa adda duree taasiseera jedhan.
Nuyi godaantota madda rakkinaa osoo hin taane dinagdee biyyaa kan cimsanii fi walitti hidhamiinsa aadaa hawaasaa kan cimsan humnoota kalaqaa, milkaa’inaa fi jijjiiramaa gochuun hubanna jedhaniiru.
Itiyoophiyaan yaadama ida’amuu isheetiin godaantota biyyoota garagaraa irraa dhufan miilyoona 1 caalan simattee ni keessummeessiti kan jedhan obbo Tamasgeen, dahannoo fi deeggarsa barbaachisu kennuun hojiirra oolmaa walii galtee godaantotaa idil addunyaa irratti qooda adda durummaa bahachaa jirti jedhaniiru.
Mirgaa fi kabaja godaantotaaf dhaabachuun qooda mootummaa qofa osoo hin taane dirqama namoomaa hunda keenyaa ta’uu hubachuu qabna. Godaansi seera qabeessan nageenyisaa kan eegamee fi namooma kan kabaje akka ta’u qindoomina idil addunyaa cimsuun haala yeroon gaafatudha.
Itiyoophiyaan ka’umsa, karaa cehhumsaa fi bakka gahumsa godaantotaa ta’uusheetiin addunyaa hammataa fi namoomaa hundaaf ta’u ijaaruuf kutannoo qabdu cimsitee akka itti fuftu itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.