Tamsaasa Kallatti:

Tumsi Hindi Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimee itti ni fufa

Mudde 9/2018 (TOI)-Hojiileen Hindi Itiyoophiyaa waliin tumsaan gaggeessitu caalaatti cimanii fi bal’inaan akka itti fufan dubbi himaan ministeera dhimmaa alaa Hindi Randiir Jaayisiwaal dubbatan.

Ministirri muummee Hindi Nareendiraa Moodii guyyoota lamaan darban Itiyoophiyaa daawwachuunsaanii ni beekama.

Kanaan wal qabatee dubbi himaan ministeera dhimma alaa Hindi Randiir Jaayisiwaal miidiyaa palsi oof Afriikaa(POI) waliinturtii taasisaniiru.

Turtii isaaniitiin Itiyoophiyaa fi Hindi Dhimmoonni seenaanis aadaanis qooddatan akka Jiranii fi wantoonni wal isaan fakkeessan  hedduun akka jiran kaasaniiru.

Fakkeenyaaf biyyoonni lamaan qaroomina durii akka qaban eeraniiru.

Biyyoonni lamaan walitti hidhamiinsa ummataa fi aadaa bara dheeraaf akka qaban ta’uu dubbataniiru.

Hariiroon kun cimaa dhufuusaa eeranii, galmoonni biyyoota lamaanii tumsa kibba kibbaarrattis yaadamnisaanii walsimee fi caalaatti cimanii akka itti fufan dubbataniiru.

Kun ammoo Itiyoophiyaa fi Hindi waltajjiiwwan idil addunyaarratti sagalee biyyoota guddachaa jiranii dhageessisuuf tumsaan akka hojjetan ni gargaara jedhaniiru.

Hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf fulla’e gara hariiroo tooftawaatti guddachuunsaa michooma cimaa qaban agarsiisa jedhaniiru.

Hariiroo Hindi Afriikaa waliin qabduuf Finfinneen wiirtuu ta’uushee dubbi himaan kun eeranii, biyyisaanii gamtaa Afriikaa waliinis tumsaan akka hojjettu eeraniiru.

Walumaa gala michoomnii fi tumsi Itiyoophiyaa Hiddiif guddaa akka barbaachisuu fi sirrii ta’uusaa cimsanii ibsanii, tumsi dameelee garagaraan jiran cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015