Tamsaasa Kallatti:

Ogeessonni Aartii faayidaa biyyaalessaa giddu galeeffatanii hojjechuu qabu

Mudde 9/2018(TOI)-Mudde 9/2018(TOI)- Ogeessonni Aartii faayidaa biyyaalessaa giddu galeeffatanii hojjechuu akka qaban Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa ibsan.

Ministeerri Aadaa fi Ispoortii wixinee imaammata Industirii Aartii fi kalaqaa, bu’uuraalee seeraa biroo fi qajeelfama hojii raggaasise irratti ogeeyyii damee dhimmi ilaallatuu fi qooda fudhattoota waliin marii taasise xumureera.

Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojiiwwan aartii bifa biyyaa ijaaruuf akkasumas dantaa biyyalessaa eegsisuuf gahee olaanaa qabu.

Mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa damee aartiif xiyyeeffannoo kennuu ibsuun, ogummaan aartii sirna barnootaa keessatti hammatamuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Kana malees ogummaan aartii pirojektoota misomaa gurguddoo keessattis hojiirra oolaa jira jedhan.

Carraa kana fayyadamuun, ogeessonni aartii ummataa fi biyyaaf hojii fayyadu hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Itiyoophiyaa gama hundaan dhiibbaa geessiftu uumuuf, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti aartistoonni gahee murteessaa akka bahatan gochuuf hojiin itti fufiinsa qabu akka hojjetamu Ministirri kun eeraniiru.

Ogeessonni Aartii hojii isaanii keessatti dantaa Itiyoophiyaa kan eegsisu giddu galeessa godhachuu akka qaban Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa ibsan.

Ministeerri Aadaa fi Ispoortii wixinee imaammata Indaustirii Aartii fi kalaqaa, bu’uuraalee seeraa biroo fi qajeelfama hojii raggaasise irratti ogeeyyii damee dhimmi ilaallatuu fi qooda fudhattoota waliin marii taasise xumureera.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojiiwwan aartii bifa biyyaa ijaaruuf akkasumas dantaa biyyalessaa eegsisuuf gahee olaanaa qabu.

Mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa damee aartiif xiyyeeffannoo kennuu ibsuun, ogummaan aartii sirna barnootaa keessatti hammatamuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Kana malees ogummaan aartii pirojektoota misomaa gurguddoo keessattis hojiirra oolaa jira jedhan.

Carraa kana fayyadamuun, ogeessonni aartii ummataa fi biyyaaf hojii fayyadu hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Itiyoophiyaa gama hundaan dhiibbaa geessiftu uumuuf, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti artistoonni gahee isaanii akka bahatan gochuuf hojiin itti fufiinsa qabu akka hojjetamu Ministirri kun eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015