Naannichatti kenna tajaajila qulqullina haqaa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti kenna tajaajila qulqullina haqaa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimuu qaba
Mudde 9/2018(TOI)-Nannoo Oromiyaaatti tajaajila haqaa qulqulluu fi haqa qabeessummaa mirkaneessuuf tattaffii taassifamuuf hirmaannan hawaasaa caalaatti cimuu akka qabu qaamoleen haqaa ibsan.
Waltajjiin marii Abbootiin Amantaa, Jaarsoliin biyyaa, Abbootiin Gadaa fi Haadholiin siinqee sirna haqaa keessatti deeggarsa qaban cimsuuf kan kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeefamaa jira.
Waltajjicharratti argamuun haasaa kan taassisan Mana Murtii walii gala Oromiyaatti Qindeessaan dhaddacha dhaabbataa Oromiyaa Bahaa Rattaa Baqqalaa sirna haqaa si’ataa, ammayaa’aa dhaqqabamaa taassisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Adeemsa kana keessatti tattaaffiin mootummaa fi qoda fudhattoota akkuma jirutti ta’ee, keessumaa qoodni abbileen Amantaa, Abbootii Gadaa fi Haadholii siinqee olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Tajaajila qulqullina haqaa fi haqa qabeessummaa mirkaneessuuf dursitoonni hawaasaa fi hirmaannaan hawaasaa guutuun caalaatti cimuu qaba jedhaniiru.
Pirezidaantiin mana murtii olaanaa Magaalaa Adaamaa Maammoo Tusii, gamasaaniin qulqullina sirna haqaa fi haqa qabeesummaaf tumsii fi hirmaannaan qaama hundaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Keessumaa tajaajila babal’ina sirna haqaa madaalawaa fi Amanamummaa ta’e kennuuf dursitoonni hawaasaa shoora olaanaa qabu jedhaniiru.
Dhaqqabummaa Tajaajila qulqulluu fi si’ataaf tattaffiin mootummaa akkuma jirutti ta’ee hirmaannaa fi tumsi hawaasaa cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Hirmaattota waltajjichaa keessaa itti gaafatamaa kutaa lallaba Wangeelaa Godina Shaawaa Bahaa Abbaa Haayilagabreel Tasfaa, hundi keenya deeggartoota haqaa sirrii ta’uu qabna jewdhaniiru.
Itti Gaafatamaan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sheeh Mahiimmud Huseen, haala kam keessattuu dhugaa qofa dubbachuun ragaa bahuun dirqama ta’uu ibsaniiru.
Ragaan sobaa fi sobuun namoonni akka miidhaman gochuun fuula umaattis kan nama gaafachiisu ta’uu kaasuun deeggarsoota haqaa sirrii taanee argamna jedhaniiru.
Waltajjii marii kanarratti Abbootiin Amantaa naannichaa bakkeewwan adda addaarraa walitti dhufani fi jaarsoliin biyyaa abbootiin gadaa fi haadholiin siinqee hirmaataniiru.
#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI