Ogeessonni Aartii hojii isaanii keessatti dantaa Itiyoophiyaa kan eegsisu giddu galeessa godhachuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Ogeessonni Aartii hojii isaanii keessatti dantaa Itiyoophiyaa kan eegsisu giddu galeessa godhachuu qabu
Mudde 9/2018(TOI)- Ogeessonni Aartii hojii isaanii keessatti dantaa Itiyoophiyaa kan eegsisu giddu galeessa godhachuu akka qaban Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaa ibsani.
Ministeerri Aadaa fi Ispoortii wixinee imaammata Indaastirii Aartii fi kalaqaa, bu’uuraalee seeraa biroo fi qajeelfama hojii raggaasise irratti ogeeyyii damee dhimmi ilaallatuu fi qooda fudhattoota waliin marii taasise xumureera.
Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Shawiit Shaankaa TOI waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, hojiiwwan aartii bifa biyyaa ijaaruuf akkasumas dantaa biyyalessaa eegsisuuf gahee olaanaa qabu.
Mootummaan yeroo kamiyyuu caalaa damee aartiif xiyyeeffannoo kennuu ibsuun, ogummaan aartii sirna barnootaa keessatti hammatamuu akka fakkeenyaatti eeraniiru. Kana malees ogummaan aartii piroojektoota misomaa gurguddoo keessattis hojiirra oolaa jira jedhani.
Carraa kana fayyadamuun, ogeessonni aartii uummataafi biyyaaf hojii fayyadu hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Itiyoophiyaa gama hundaan dhiibbaa uumtu uumuuf, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti aartistoonni gahee isaanii isa murteessaa akka bahatan gochuuf hojiin itti fufiinsa qabu akka hojjetamu Ministirri kun eeraniiru.