Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti itti fayyadama tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa dabaluuf xiyyeeffannoon kennameera

 

Mudde 9/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti itti fayyadama tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa dabaluuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa naannichaa ibse.

Godina Shawaa Lixaatti waltajjiin marii itti fayyadama tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa dabaluu fi tajaajilicha gara wiirtuu tokkootti fiduurratti xiyyeeffate gaggeeffameera.


 

Waltajjicharratti Biiroo Fayyaa Naannichaatti Daarektarri Sochii Qabeenyaa fi Hirmaannaa Hawaasaa obbo Dinquu Irranaa TOItti akka himanitti, hawaasni bara 2015 irraa eegalee tajaajila inshuraansii fayyaa sadarkaa Gandaa fi Aanaatti fayyadamaa ture, sadarkaa Godinaatti babal’isuun wiirtuu tokko jalatti bulchuuf hojjetamaa tureera.

Hojiin tajaajila kana gara wiirtuu tokkotti fiduu, akka naannichaatti, Godina Booranaatti kan eegale yoo ta’u, amma kan Godina Shawaa Lixaatti eegale dabalatee Godinoota 16tti babal’achuusaa dubbataniiru.

Kanaafuu itti fayyadama inshuraansii fayyaa hawaasaa daran guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaan dura sadarkaa aanaa fi gandaatti tajaajilli kennamaa ture, hanqina kenniinsa tajaajilaa waan qabuuf, tajaajilicha gara Godinaatti, wiirtuu tokkotti akka kennamu taasisuun sirna faayinaansii cimaa uumuun, fayyadamummaa hawaasaa ni dabala jedhan obbo Dinquun.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa Guddataa akka jedhanitti, maallaqni tajaajila inshuraansii fayyaatf hawaasa irraa walitti qabame aanaalee Godinoota 23 irraa gara wiirtuu tokkotti fiduun aanaaleen hundi haqaan fayyadamoo ta’uu ni gargaara.


 

Sadarkaa Godinaatti tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa giddugala tokkotti kennuun hojmaata badaa ittisuu fi hawaasni tajaajila fayyaa amanamaa akka argatu taasisa kan jedhan immoo Hogganaa Waajjira Fayyaa Godinichaa obbo Tasfaayee Bayyanaati.

Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Meettaa Roobii obbo Dassaalenyi Tashoomaa barbaachisummaa inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti hubannoo gaarii waltajjicha irraa argachuu himaniiru.

Waltajjii guyyaa tokkoof ture kana irratti hoggantoonni sadarkaan jiran naannolee hanga aanaatti irratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015