Duudhaawwan tokkummaa sab-danessummaa cimsan dhalootaaf dabarsuu qabna- Ministira Nageenyaa Mahaammad Idiriis - ENA Afaan Oromoo
Duudhaawwan tokkummaa sab-danessummaa cimsan dhalootaaf dabarsuu qabna- Ministira Nageenyaa Mahaammad Idiriis
Mudde 9/2018(TOI)- Duudhaawwan tokkummaa sab-daneessummaa cimsan dhalootaaf dabarsuu akka qabnu Ministirri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis ibsan.
Waltajjiin marii qooda fudhattoonni irratti hirmaatan Mata duree “Qabeenya Hawaasummaa keenyaa nageenya fulla’aa fi tokkummaa sab-daneessummaaf” jedhuun Magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis waltajjicharratti akka ibsanitti Itiyoophiyaan duudhaa fi aadaa walooma dagaagsanii fi rakkoowwan karaa nagana furuuf dandeessisan qabdi jedhaniiru.
Duudhaawwan biyyoolessaa kana cimsuu fi dagaagsuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf hojjechuu akka qabnu ibsuun, kanaafis shoorri jaarsolii biyyaa fi Abbootii Amantaa guddaa ta’uu dubbataniiru.
“Biyyi Dandii guddinaarra cimtee kan ittifuftu wal-harkaa fuudhinsa dhalootaani” kan jedhan ministirri kun kanaaf dhuudhaalee Aadaa keenyaa guddisuurratti xiyyeeffannoo kennuu qabna jedhaniiru.
Ministirri Nageenyaa duudhaalee Aadaa durii walitti bu’insa ittiin furu misoomsuu fi gurmeessuuf hojiiwwan hojjetamaniin deeggarsa barbaachisaa taassisa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan wal dhabdeewwan mariin akka furamaniif kaleessaas har’as hojjechaa fi nageenyaaf harkasaa diriirsee jira jedhaniiru.
Ijaarsa nageenyaa fulla’aaf shoorri Jaarsolii biyyaa fi Abbootii Amantaa olaanaa ta’uu kan ibsan Ministirichi, Waltajjiin har’aa duudhaan Jaarsummaa hawaasaa ijaarsa nageenyaaf qooda qaban dagaagsuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
“ummanni naannichaa aadaa durii ummata Itiyophiya biroo waliin ta’uun wal kabajee waliin jiraachuu qabudha” kan jedhan immoo Af-yaa’ii mana meree Naannoo Amaaraa Faantuu Tasfaayeeti.
Mootummaan naannichaa sirna jaarsummaa dagaagsuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiraachuu ibsuun, walitti bu’insi naannichaa karaa nagana akka xumuramuu shoorri jaarsolii biyyaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Ummanni naannichaa nageenya cimsee hawwuurra darbee Aadaawwan wal-dhabdee mariin furuu kan qabu ta’uu ibsuun, qindoomina baandaawwan biyya keessaa fi Alaan giduugala walitti bu’insaa ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan walitti bu’insi karaa nagana akka furamu nageenyaaf harkisaa diriiruu ibsuun, tattaaffii hanga ammaatti taasifameen qaamoleen hidhatan waamicha nageenyaa fudhatanii galuusaanii dubbataniiru.
Naannichatti nageenya argameef qoonni jaarsolii biyyaa olaanaa ta’uu eeruun, mootummaan naannichaa sirna jaarsummaa dagaagsuuf deeggarsa barbaachisaa ni taasisa jedhaniiru.
Waltajjii marii kanarratti hoggantoonni federaalaa, Naannoo fi Jaarsooliin biyyaa bakkeeewwan adda addaarraa dhufan hirmaachaa jiru.