Michummaan Tarsiimawaan Itiyoophiyaa fi Hindi dhageettii Idil Addunyaatti qaban akka fayyadamaniif carraa guddaa uuma - ENA Afaan Oromoo
Michummaan Tarsiimawaan Itiyoophiyaa fi Hindi dhageettii Idil Addunyaatti qaban akka fayyadamaniif carraa guddaa uuma
Mudde 9/2018(TOI)- Itiyoophiyaa fi Hindi Hariiroo Dippiloomaasii qaban gara michummaa tarsiimawaatti guddisuun isaanii shoora Ardiitti qaban fayyadamuun fedhii biyyoota guddachaa jiranii kabachiisuuf carraa guddaa akka uumuu miseensonni Mana maree bakka bu’oota uummataa ibsan.
Ministirri Muummee Hindi Nareendiraa Moodii daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taassisan hordofuun, hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lamaan gidduu ture gara michummaa tarsiimawaatti guddachuu ibsaniiru.
Ministirri Mummee kun kaleessa walga’ii waloo Mana Maree Federeeshinii fi bakka bu’oota ummataa irratti argamuun haasaa taassisaniiru.
Haasaa Mana Mareetti taasisaniin Hindii fi Itiyoophiyaan qajeeltoo fayyadamummaa waloorratti kallattii adda addaan tumsaan akka hojjetan mirkaneessaniiru.
Miseensota Mana Maree TOI’n dubbise akka ibsanitti, Hariiroon biyyoota lamanii gara michummaa tarsiimawaatti guddachunsaa faayidaa hedduu qabaachuu dubbataniiru.
Miseensa Mana Maree Dokatar Najaat Girmaa biyyoonni lamaan Dippiloomaasii yeroo dheeraa fi walitti dhufeenya ummataa akka qaban ibsaniiru.
Hariiroo kana caalaatti cimsuun badhaadhina hawaasa waloosaaniif hojjechuuf kutannoon qaban kaasuun isaanii dubbataniiru.
Miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa biroon Doktar Fatihii Mahiidii gamasaaniin, Itiyoophiyaa fi Hindi abbaa madda Qaroominaa duree akkuma ta’an carraa saanii fuulduraa harkasaaniirra jira jedhaniiru.
Daawwannaan hojii Ministira Muummee Hindi Nareendiraa Moodii walitti dhufeenya biyyootaa caalaatti cimuusaa kan argisiisudha jedhaniiru.
Michummaansaanii waltajjii Idil-Addunyaarratti wal- tumsuun faayidaa guddaa qabaachuu kan ibsan immoo Ambaasaaddar Dokotar Toofiq Abdullaahii ti.
Afayaa’iin Mana mana maree bakka bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo biyyoonni lamaan dhiibbaa Ardiitti qaban fayyadamuun fedhii biyyoota guddachaa jiranii kabachiisuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hariiroon Dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Hindii A.L.A bara 1948 kan eegale yoo ta’u , michummaa tarsiimawaa amma irra ga’an ummanni lamaan badhaadhina waloof abdii kan qabate ta’uu hubachiisaniiru.