Akka Biyyoolessaatti waliin gahinsa galteewwan meeshaalee fayyaa guddisuun kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuun danda’ameera-Ministeera Fayyaa - ENA Afaan Oromoo
Akka Biyyoolessaatti waliin gahinsa galteewwan meeshaalee fayyaa guddisuun kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuun danda’ameera-Ministeera Fayyaa
Mudde 9/2018(TOI)- Akka Biyyoolessaatti waliin gahinsa galteewwan meeshaalee fayyaa guddisuun kenniinsa tajaajila fayyaa fooyyessuun danda’ameera jedhe Ministeerri Fayyaa.
Mariin biyyoolessaa qorannoo oksijinii fayyaa irratti xiyyeeffate magaala Asoosaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo Ministeera Fayyaa, itti aanaan hoggantoota biiroolee fayyaa naannolee hunda, akkasumas hoggantoonni hospitaalota adda addaa fi qooda fudhattoonni damichaa argamaniiru.
Deetaan Ministira Fayyaa aadde Fireehiwoot Abbabaa akka jedhanitti, labsiin bulchiinsaa fi to’annoo fayyaa guutuu biyyaatti hojiirra oolchuuf bahe hojiirra oolfamaa jira.
Kunis tajaajila yaalaa qulqullina qabuu fi haqa qabeessa kennuu qofa osoo hin taane, meeshaaleen yaalaa bu’uuraa dhaqqabamaa akka ta’an taasisa jedhan.
Lakkoofsi giddugala oksijiinii waggoota shanan duraa sadii turan, amma gara 85tti guddisuun, lammiileen naannoo isaaniitti wal’aansa akka argatan gochuun, du’a sababa hanqina oksijiiniitiin dhufaa ture hir’isuun danda’ameera jedhan.
Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Waltajjii Bagaaloo akka jedhanitti, wiirtuun oomisha oksijiinii Hospitaala Asoosaatti dhaabbate hospitaalichaan alatti dhaabbilee fayyaa naannichaaf oomisha kana dhiyeessuun hawaasni tajaajila yaalaa bal’aa akka argatu taasiseera.
Waltajjiin marii kun guyyoota lamaaf akka turus ibsameera.