Tamsaasa Kallatti:

Giddu gala Horsiisaa, Raabsaa fi Qindeessa nyaataa Lukkuu Tsetsee keessatti carraan hojii Uumameera

Mudde 9/2018(TOI)-Giddugalli Horsiisaa, Raabsaa fi Qindeessa nyaataa Lukkuu Tsetsee dameelee Ogummaa adda addaan Carraan Hojii isaaniif uumuu namoonni naanawichaa dubbatan.

Naannoo Benishaangul Gumuz Aanaa Uraatti kan argamu Gidduugalli horsiisaa, raabsaa fi qindeessaa nyaataa lukkuu Tsetsee Bulchaa Naannoo Benishaangul Gumuz Ashaadilii Hasan, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abrihaahaam Balaayii fi Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa dabalatee Hoggantonni Olaanoon Naannoo fi Federaalaa bakka argamanitti eebbifameera.

Gidduu galichi bakka horsiisaa fi guddisaa, Inkuubaatorii cuucii kuma 115 yaasuu danda’u Maashinii Cuucii yaasuu danda’u, Nyaata lukkuu killee buusisuu fi Qindeessa maashinii nyaata lukkuu sa’aatiitti kuntaala 60 qopheessuu kan danda’u of keessaa qaba.

Nammooni naannichaa 34 ol ta’an gidduugalicharraa fayyadamoo carraa hojii ta’aniiru.

Giddu galichatti Ogeessi nyaata beelladaa Jamaal Muhaammad Carraa hojii giddugalicharraa argateen fayyadamaa ta’uu ibsananiiru.

Fuuldurattis gidduugalichi killee omishamu fi lukkuu hawaasaaf dhaqabsiisuun caalaatti fayyadamoo akka ta’an eeraniiru.

Haala saayinsiisaa eeggateen nyaata lukkuu qopheessuun akkasumas lukkuuwwan kunuunsuun itti gaafatamummaasanii bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Kan biroon gidduu galichatti kunuunsa lukkuu ta’uun carraa hojii kan argate dargaggoo Naasir Manaasii gidduu galichi nyata lukuun hojii eegalee hawaasa naannichaaf faayidaa qaba jedheera.

Fuuldurattis carra hojii giddugalicharraa argatuun hojii nyaata lukkuu eegaluuf karoora qabaachuu dubbateera.

Hojii Gaggeessaan Giddugala Horsiisaa, Raabsaa fi Qindeessa nyaataa Lukkuu Tsetsee Abdurahimaan Usmaan gamasaaniin, gidduugalichi Hagayyaa bara 2017 eegalee gara hojiitti galuusaa eeruun lukkuuwwan giduugalicha keessatti argaman kunuunsa barbaachisaa argachaa jiraachuu ibsaniiru.

Raabsa lukkuu fi killee raawwachuuf dargaggoonni naannoosaaniitti gurmaa’uun fayyadamoo akka ta’an hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa lukkuuwwan kuma 20 ol giddugalichatti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015