Ayyaanni Hundeeffama Humna Qilleensaa Sadarkaa dhaabbatichi irra gahe haala calaqqisiisuun kabajama - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Hundeeffama Humna Qilleensaa Sadarkaa dhaabbatichi irra gahe haala calaqqisiisuun kabajama
Mudde 9/2018(TOI)- Ayyaanni Hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 90ffaan sadarkaa humni qillensichaa irra gahe haala calaqqisiisuun kan kabajamu ta’uu ajajaa itti aanaan Humna Qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Nagaraa Leellisaa ibsaniiru.
Ayyaana hundeefama waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa FDRI ilaachisee waltajjiin marii gaggeeffamaa jira.
Itti aanaan Humna Qilleensaa FDRI Meejar Jeneraal Nagaraa Leellisaa waltajjicha irratti akka ibsanitti, Humni Qilleensichaa dhaabbilee waggoota dheeraa lakkoofsisan keessaa tokko ta’uu ibsan.
Kaayyoon ayyaanichaa qabsoo Humni Qilleensaa keessa darbee fi gatii kaffalame yaadachuuf, akkasumas jijjiirama biyyaalessaa booda humna qilleensaa adda duree ta’uuf dhaabbatichi hojjachaa jiru agarsiisuu akka ta’e eeraniiru.
Humni Qilleensaa walabummaa Itiyoophiyaa kunuunsee bakka har’a jirtutti akka geessisuu eeruun, erga jijjiiramni dhufee kaasee humna namaan, meeshaa waraanaan, bu’uuraalee misoomaan of gurmeessuu ibsaniiru.
Ayyaanichi agarsiisa qilleensaa biyyoota adda addaa hirmaachisuun, konfiraansii Ajajoota Humna Qilleensaa Afrikaa, akkasumas agarsiisa aviyeeshinii akka dhiyaatu akeekaniiru.
Af-yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir gama isaaniin, Humni Qilleensaa boonsaa biyyaa fi gaachana ummataa ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbilee seenaa walabummaa Itiyoophiyaa cimsanii tursiisan keessaa Humni Qilleensaa tokko ta’uu eeraniiru.
Dabalataan, dhaabbata balaan nam-tolchee adda addaa yeroo uumamu, uummata balaa irraa eegu ta’uus himaniiru.
Qabeenya biyyaalessaa halkanii fi guyyaa daangaa Itiyoophiyaa eegaa jiru, haaromsa erga ce’umsa biyyoolessaa taasifteen dandeettiin isaa kan dabalaa jiru ta’uu ibsaniiru.