Oopaal dabalatee oomishaalee albuudaa biroo gabaaf dhiheessuuf qophiin xumurameera- Oomisha Gabaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Oopaal dabalatee oomishaalee albuudaa biroo gabaaf dhiheessuuf qophiin xumurameera- Oomisha Gabaa Itiyoophiyaa
Mudde 9/2018(TOI)-Oopaal dabalatee oomishaalee albuudaa biroo gabaaf dhiyessuu eegaluuf qophiin xumuramuu isaa hoji-gaggeessaan Oomisha Gabaa Itiyoophiyaa obbo Margaa Baay’isaa ibsan.
Hoji-gaggeessaan kun Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti, bittaa fi gurgurtaa meeshaalee daldalaa ammayyeessuun qajeeltoowwan iftoominaan qajeelchuun, sirna daldalaa biyyattii si’eessuu keessatti gahee adda duree bahachaa jira.
Oomishni Gabaa Itiyoophiyaa gaafa eegalu, oomisha lamaan akka ture; kunis boqqolloofi qamadiin ta’uu ibsaniiru.
Adeemsa keessa hojiisaa babal’isaa kan dhufe dhaabbatichi, yeroo ammaa buna,saalixa,midhaan dheedhii,midhaan zayitaafi mi’eessituuwwan adda adaa dabalatee gosoota oomishaalee qonnaa 28n gahuu isaa himaniiru.
Keessattuu jijjiiramaa booda mootummaan Gabaa Oomishaa irratti xiyyeeffachuun isaa oomishaalee haaraa 15 dabalataan gabaaf akka dhiyaatan taasiseera jechuun hoji gaggeessaan olaanaa kun hubachiisaniiru.
Gabaa kana bakka daldalaa dorgomaa fi hawwataa taasisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka turan eeruun, gabaan oomisha baranaas bu’a qabeessa ta’aa jiraachuu ibsaniiru.
Labsiin Oomisha Gabaa Itiyoophiyaa erga fooyya’ee booda dhaabbatichi oomishaalee qonnaan ala ta’an, albuudotaa fi oomishaalee indaastirii walbichisiisuuf itti gaafatamummaan akka kennameef hojigaggeessaan olaanaa kun hubachiisaniiru.
Kana hordofuun albuuda oopaalii gabaaf dhiyeessuuf Ministeera Albuudaa waliin hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sirna daldalaa walaba ta’ee fi oopaaliin alatti albuuda biroo daldaluu dandeessisu hundeessuuf qophiin karaa Oomisha Gabaa taasifamaa jiru xumuramuu beeksisaniiru.
Dhimmoonni Ministeera Albuudaatiin xumuramuu qaban erga xumuramaniin booda adeemsi gabaa akka eegalu hoji gaggeessaan olaanaa kun ibsaniiru.
Inistiitiyuutii Misooma Indaastirii Albuudaatti Daarektarri Olaanaa Giddugala Qorannoo Misooma Albuudaa Arteezinaalii fi Faayaa kan ta’an doktar Geeraa Tacaanee rakkoo gabaa damee faayaa hiikuuf akkasumas damicha ammayyeessuuf Oomisha Gabaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran beeksisaniiru.
Kana hordofuun rakkoolee gabaa oomisha oopaalii keessatti mudatan furuuf hojiin Oomisha Gabaa Itiyoophiyaa waliin eegalame yeroo ammaa xumuramaa akka jiru beeksisaniiru.
Oomishni kun yeroo dhiyootti gabaaf akka dhiyaatu akeekuun, hojiirra oolmaan sirnichaa sochii daldala seeraan alaa ittisuu fi oomishtoota caalaatti fayyadamoo taasisuuf gargaarsa guddaa akka taasisu ibsaniiru.