Tamsaasa Kallatti:

Keessummoota ayyaana Qillee kabajuu dhufaniif tajaajila mijataa kennuuf qophiin taasifameera-Bulchiinsa Magaalaa Laallibalaa

 

Mudde 9/2018(TOI)- Keessummoota ayyaana Qillee kabajuufi daawwannaaf magaalaa Laallibalaa dhufaniif tajaajila mijataa kennuuf qophiin taasifamuu bulchiinsi magaalaa Laallibalaa ibse.

Ayyaanni Qillee dinagdee magaalattii damee turizimii waliin walqabatee jiru daran kakaasuuf gahee olaanaa qaba jedhan itti aanaan kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Laallibalaa Masaay Wadaajoo TOItti akka himanitti.

Diinagdeen magaalichaa turizimii waliin walitti hidhamiinsa akka qabu kan hubatan jiraattonni magaalichaas, nageenya naannoo sanaa eeggachaa, keessummoota miilaan, konkolaataan, xiyyaaraan dhufaniif tajaajila mijataa ta’e kennuuf qophii ta’uu isaanii himaniiru.

Akkasumas, gama mootummaan jiraattota magaalichaa fi dhaabbilee tajaajila kennan waliin mariin gaggeeffamuu, akkasumas damee tokkoon tokkoon isaaniitti koreewwan ijaaramanii daawwattootaaf tajaajila sirrii ta’e akka kennan beeksisaniiru.

Haaluma kanaan hoteelonni, manneen nyaataa, kaaffeewwanii fi daawwachiiftonni tajaajila mijataa ta’e kennuuf qophii ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.

Keessummoonni hanga miliyoona 1 ta’an irratti argamuu akka danda’an eeruun,kana tilmaama keessa galchuun mana fincaanii yeroof, dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu fi wiirtuuleen gargaarsa jalqabaa qophaa’aniiru jedhan.

Keessummoonni hoteelotaafi mana namoota dhuunfaa keessa kan bulan ta’uu ibsuun, naannolee qulqulleessuu fi namoota dunkaana keessa bulaniif dunkaanni kan qophaaheefi hojiin bishaanii fi ibsaa galchuu hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Dargaggoonni seensa magaalattii irratti argaman miila dhiquun keessummoota simachuu fi deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophaa'uu isaaniis akeekaniiru.

Guyyaan dhaloota Iyyasuus Kiristoosii fi Qulqulluu Laallibalaa Muddee 29 magaalaa Laalibalaatti bifa ho’aan akka kabajamu ibsuun; turistoonni biyya keessaa fi alaa gara magaalatti dhufanii guyyaa ulfina qabeessa kana akka daawwatan waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015