Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti hoj-maata Qonnaa fooyya’aa fayyadamuun lafa misoomerraa  callaan   Kuntaalli Miiliyoona  10 ol ni eegama

Mudde 8/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti hoj-maata Qonnaa fooyya’aa fayyadamuun  lafa misoomerraa  Callaan Kuntaalli Miiliyoona 10  ol  akka  eegamu  waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse. 
Hoggantoonni Naannoo Oromiyaa,Godinaa fi Qonnaan bultoonni Moodeelaa Godichatti aanaa Anaasoraatti   sagantaa muuxannoo wal- jijjiirraa fi  daawwanna hojii  misooma midhaanii gaggeessaniiru. 



Itti Gaafatamaan Waajjirichaa obbo Dastaa Gabrayas  akka ibsanitti, Godinichatti Oomisha Gannaan Midhaan  oomishamerraa callaan  kuntaalli miiliyoona 10 ol ni eegama. 
Qonna Gannaan kilaasteraa fi Sararaan Qotuu  dabalatee paakeejiiwwan qonnaa hunda fayyadamuun  hojjetamuu  ibsaniiru. 
Kanarra darbee itti fayyadama sanyii fooyya’aa fi Xaa’oo Qonnaan bulaa  fooyya’aa dhufuusaa bara kana kan  waggoota darbanirraa callaa fooyya’aan akka  abdatamu  dubbataniiru. 



Waliigala Godinichatti  lafa heektaara  kuma 480 ol midhaan kanneen akka  Qamadii, Garbuu,Baaqelaa,Xaafii  fi Boqqolloon Oomishamuu  eeruun  kunis sadarkaa maatiitti  wabii nyaataa mirkaneessuuf  deeggarsa guddaa taasisa jedhaniiru. 
Lafa misoome keessaa lafti  hektaarri  kuma 347 ol  kilaasteraan kan misoome ta’uu eeruun Godinichatti aanaalee 12tti fi   buufataalee  misoomaa 267  ogeeyyiin  buufata misoomaa  qophii  ooruu irraa   kaasee hanga  oomisha walitti qabanitti   deeggarsi taasifamaa jira jedhaniiru. 



Sagantaa daawwannaa  kanarratti  kan argaman  Biiroo Qonna  Oromiyaatti Daarektarri  Sirna Soorataa aadde Shamsiyaa Waliih, Qonna Ammayyeessuun  wabii nyaataa mirkaneessuu  fi  badhaadhina maatii fiduuf xiyyeeffannoo  mootummaa naannichaa ta’uu  ibsaniiru. 
Hojiiwwan Misooma jallisii, sagantaa Maaddii  Guutuu, eegumsa biyyee fi bishaanii,Ashaaraa Magariisaan jijiiramonnii fi milkaa’inoonni   hedduun  galmaa’uu beeksisaniiru. 
Godina Gujiitti  hoj-maata  Qonnaa  fooyya’ee fi  ammayya’een hojjetame Godinichatti muuxannoon kan irraa fudhatamu  ta’uu ibsaniiru. 
Qonnaan Bultoota Moodeela Sagantaa daawwanichaarratti  hirmaatan keessaa Dabbassoo Soraa  hojii  eegumsa biyyee fi bishaanii  bara darbe raawwataniin  callaan akka dabaluuf  deeggaruusaa ibsaniiru. 



Dabalataanis Qonnaan bulaan Modeelaa Gadaa Dheekkamaa,  mootummaan jijiiramaa Qonna ammayyeessuun Qonnaan  bulaan  Misooma Midhaaniirraa fayyadamoo  taasisaa jiraachu  ibsaniiru. 
Qonna Gannaaf sanyii fooyya’aa  oomisha gaarii kennan  Qamadii, Garbuu fi  Baaqelaa Biiroo Qonnaa irraa isaaniif   dhihaachuu beeksisaniiru.  



Godina Gujiitti Haala Qilleensaa Baddaa, Badda Daree fi  Gammoojjiin kan jiru yoo ta’u  Hagayyaa  hanga Fulbaana walakkaatti   yeroo  oomishni walitti qabamudha. 
Sagantaa muuxannoo   wal jijiirraa  fi  daawwannaa kanarratti  qonnaan bultoonni  moodeelii  hedduun, ogeeyyii  qonnaa fi  hoggantoonni  argamaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015