Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan qaroomina durii fi abjuu ammayyaa walitti qabdee qabachuun ishee akka cimtee itti fuftu ishee taasiseera- Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii

 

Mudde 8/2018(TOI) - Itiyoophiyaan qaroomina durii fi abjuu ammayyaa walitti qabdee qabachuun ishee akka cimtee birmadummaashee eeggattee itti fuftu ishee taasiseera jedhan Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodii.

Ministiri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin har’a walga’ii waloo 6ffaa waggaa 5ffaa Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii gaggeessan irratti argamuun haasawa taasisaniiru.

Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Mana Maree Seera baastoota Itiyoophiyaa fulduratti haasawa taasisuun kabaja guddaan akka itti dhagahame ibsaniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Niishaanii kabajaa isaaniif kennuu isaanii galateeffachuun, Niishaanii kabajaa Itiyoophiyaa kanas maqaa uummata Hindiin fudhadheera jedhan.

Itiyoophiyaan biyya qoroomina durii keessaa tokko ta’uu eeruun, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad seenaa dhala namaa keessatti adda durummaan akka eeramanis ibsaniiru.


 

Hambaan lafee Luusii(Dinqinash),Itiyoophiyaan argama dhala namaa ta’uu isheef ifatti kan agarsisudha jedhan.

Seenaan Itiyoophiyaa har’as baroota darbee jiraachaa kan jiruu fi teessumni lafashee, onnee uummatashee keessa kan jiru ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan mallattoo ciminaa, birmadumma, agarsiiftuu boonsaa fi jijjiiramaa ta’uu ibsaniiru.


 

Akkasumas yaadni ida’amuu walta’iinsa waliinii irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, yaadni kun daandii Hindiin irra deemaa jirtuun kan wal fakkaatu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015