Tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuun haala mijataa uumaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuun haala mijataa uumaa jira
Mudde 8/2018(TOI)- Tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuun haala mijataa uumaa jiraachuu Itiyoophiyaatti itti aanaan Ambaasaaddara Jarman doktar Fardinaandi Foon Vaahee ibsani.
Itti aanaan Ambaasaaddara Jarman doktar Fardinaandi Foon Vaahee fooyyessii fi haaromsi damee diinagdee Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru haala walitti fufiinsa qabuun gaggeeffamaa jiraachuun isaa kan dinqisiifatamuu qabudha jedhan.
Sirna gabaa irratti xiyyeeffate damee kana keessatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu isaa argineerra; kunis barbaachisaa ta’uu isaa muuxannoon Jarmanii ni agarsiisa jedhan. Sirni kun faayidaa uummataa fi badhaadhina itti fufiinsa qabuuf bu’a qabeessa ta’uu isaa muuxannoon Jarmanitti argame kan agarsiisu ta’uu eeruun, akkasumas abbootii qabeenyaa Jarmaniis kan hawwatu ta’uu ibsaniiru.
Kanaaf tarkaanfiiwwan haaromsa diinagdee Itiyoophiyaan fudhatte invastimantii kallattii alaa hawwachuuf haala mijataa uumaa jira jedhan.
Akka itti aanaan Ambaasaaddarichaa jedhanitti, Itiyoophiyaatti banamuun jijjiirraa gabaan aksiyoonaa(stock market exchange) invastimantii kallattii alaa hawwachuuf hojiin cimaan hojjetamaa jiru, akkasumas dameewwan loojistikii fi kanneen biroo fakkeenyummaan kan eeramani dha.
Hawaasa daldalaa Awurooppaa waliin hariiroo daldalaa cimsuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa akka jiran himaniiru.
Kunis dorgomtummaa dabaluu, qulqullinaa fi tajaajila fooyyessuu, akkasumas diinagdee biyyattii akka waliigalaatti daran kakaasuuf murteessaadha jedhan.
Itiyoophiyaatti dameelee hedduu irratti invasti gochuuf kan nama dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, madda anniisaa magariisaa, damee anniisaa haaromfamuu danda’u keessatti qabeenya dilbii qabaachuu ibsuun, kun gabaa addunyaatiif maqaa (brand) ta’uu akka danda’u dubbataniiru.
Damee huccuu, loojistikii, gumurukaa, teeknooloojii odeeffannoo, fi dameewwan biroo keessatti dandeettii jiru ibsaniiru.
Hariiroon biyyoota lameenii hariiroo cimaa ta’uu eeraniiru.
Walta’iinsa cimaa biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf damee dhuunfaa keessatti qonna, barnootaa fi leenjii teeknikaa fi ogummaa, bulchiinsa gaarii barnootaa, qorannoo fi misoomaa fi gama birootiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Jarman dhiheenya kana waliigaltee bu’uuraa tumsa waggaa sadii (2025–2027) mallatteessanii akka turan kan yaadatamudha.
Bu’uurri kun walta’iinsa haaromsa biyyattii, guddina hunda hammatee fi misooma itti fufiinsa qabu irratti kan xiyyeeffatedha.