Yaadamni Ida’amuu Itiyoophiyaan badhaatee guutuu Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee taasisa – Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii - ENA Afaan Oromoo
Yaadamni Ida’amuu Itiyoophiyaan badhaatee guutuu Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee taasisa – Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii
Mudde 8/2018(TOI)- Hoggansa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin yaadamni Ida’amuu hojiirra oolaa jiru Itiyoophiyaan badhaatee guutuu Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee dandeessisa jechuun ibsani Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin.
Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodii daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taassisaa jiran irratti affeerraa irbaataa qophaa’erratti haasaa taassisaniin, Itiyoophiyaatti argamuusaaniin carraa qabeessa ta’uu fi simannaa ho’aa taassifameefiitti gammaduu isaanii dubbataniiru.
Turtii isaaniin gaggeessitoota Itiyoophiyaa waliin marii bu’aa qabeessa taassisuusaanii eeruun, Itiyoophiyaa madda qaroomina Addunyaa kan taate irraa Niishaanii kabajaa argachuukootti booneera jechuun ibsaniiru.
Niishaaniin kabajaa kun lammiilee Itiyoophiyaa fi Hindii hariiroo biyyoota lameenii akka cimuuf gumaacha taasisaniifis ta’uu ibsaniiru.
Yaa’ii garee G-20 yeroo dhihoo Afrikaa Kibbaatti taassifame cinaatti marii Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad waliin taassisaniin, Itiyoophiyaa akka daawwataniif Affeerraa isaaniif dhihaateef gammaduusaanii kan ibsan Ministirri Muummee kun, jaalalan Itiyophiyaaf qabuufan Affeerricha fudhachuun ariifadhee akkan dhufu na taassiseera jechuun dubbataniiru.
Qaroominni durii Itiyoophiyaa, kabajnii fi bilisummaan ishee hunda keenyaaf kaka’umsa kan uumu dha jedhaniiru.
Yaadamni Ida’amuu Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaan badhaatee guutuu Addunyaaf fakkeenya akka taatu ishee dandeessisa kan jedhan Ministirri Muummee Naareendiraa Moodii, keessumaa eegumsa naannoon, misooma hirmaachisaan, garaagarummaa keesatti tokkummaa cimsuuf kutannoo qabani raajeffachuun ibsaniiru.
Barnoonni hariiroo Itiyoophiyaa fi Hindii keessatti qooda olaanaa gumaachuu fi gara fuulduraatti Hindi hariiroo mul’ataa fi wal amantaarratti bu’uureffate cimsuuf fedhii qabaachuu ishee mirkaneessaniiru.
Dabalataanis Hindi Itiyoophiyaa waliin hariiroo carraawwan haaraa biroo uuman hundeessuuf akka hojjettu Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin beeksisaniiru.