Ministirri Muummee Hindii Moodiin Itiyoophiyaa daawachuun isaanii hariiroon damee hedduu guddachaa dhufuu isaa agarsiisa. - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Hindii Moodiin Itiyoophiyaa daawachuun isaanii hariiroon damee hedduu guddachaa dhufuu isaa agarsiisa.
Mudde 8/2018(TOI) - Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin Itiyoophiyaa daawachuun isaanii hariiroon biyyoota lameenii damee hedduun jiru guddachaa dhufuu isaa agarsiisa jedhan Ministirri Muummee doktar Abiyyii Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodiif sagantaa irbaata qohaaherratti haasaa taasisaniiru.
Haasaa taasisaniin, walitti dhufeenyi seenaa biyyoota lamaanii gidduu jiru, duudhaalee waliin qabanii fi hariiroon isaanii guddachaa jiraachuu kaasaniiru. Daawwannan isaanii kunis guddina dippiloomaasii Itiyoophiyaaf agarsiiftuudha jedhan.
Hindiin michuu Itiyoophiyaa yeroo dheeraa ta’uu kan ibsani Ministirri Muummee doktar. Abiyyi Ahimad, daawwannaan Ministira Muummee Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan, walta’iinsa dameelee adda addaatiin fayidaa waloo babal’isuuf waadaa qaban irra deebiin kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.
Dhimmoota gurguddoo adda addaa biyyoota lameen fayyadamoo taasisu irrattis tumsi gara fuulduraatti akka cimu akeekaniiru.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad itti dabaluun Itiyoophiyaan falaasama ida’amuun damee hundaan guddina dinqisiisaa galmeessisaa akka jirtu ibsaniiru.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii gara hariiroo tarsiimootti guddachuus beeksisaniiru.
Biyyoonni kunneen egeree waliinii fooyya’aa ta’eef walitti dhiyeenyaan akka hojjetan kan agarsiisan yoo ta’u, daawwannaan Ministira Muummee Moodiin Itiyoophiyaatti taasisan mul’anni waliinii dhugoomuu akka danda’u kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Hariiroon obbolummaa biyyoota lameenii guddachaa dhufuusaaf maqaa mootummaa Itiyoophiaan galata galchaniiru.