Daawwaannaan Ministira Muummee Naareendiraa Moodii Itiyoophiyaatti taassisan Biyyoonni lamaan fuulduratti walitti dhiheenyaan hojjechuuf kutannoo waloo qaban kan argisiisedha - ENA Afaan Oromoo
Daawwaannaan Ministira Muummee Naareendiraa Moodii Itiyoophiyaatti taassisan Biyyoonni lamaan fuulduratti walitti dhiheenyaan hojjechuuf kutannoo waloo qaban kan argisiisedha
Mudde 8/2018(TOI)-Ministirri Muummee Hindi Nareendiraa Moodii daawwannaan Itiyoophiyaatti taassisaa jiran michummaa biyyoota lamaanii guddisuun dhimmoota faayidaa waloorratti walitti dhiheenyaan hojjechuuf kutannoo waloon qaban kan argisiisu ta’uun ibsameera.
Hoggantoonni Itiyoophiyaa fi Hindi marii bal’aa fi bu’aa qabeessaa michummaa gam-lamee cimsan taassisaniiru.
Ministirri Muummee Hindi Nareendiraa Moodiin Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf Adeemsa eegalteef akka deeggaran ibsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Hindi barreessaan quunnamtii Diinagdee Sudihakar Daalelaan Daawwannaa Ministira Muummee Nareendiraa Moodiin Itiyoophiyaatti taassisan ilaalchisuun Finfinneetti Miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Afeerraa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin daawwannaa Itiyoophiyaatti taassisaa jiraachuusaanii ibsaniiru.
Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin Itiyoophiyaa yeroo seenaan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Buufata Xiyyaara Idil Addunyaa Booleetti simannaa ho’aan taasisaniiruuf.
Hoggantoonni lamaan marii bal’aa fi bu’aa qabeessa michummaa gam-lamee cimsu taassisuusaanii ibsaniiru.
Kanaanis Daldalaa fi Invastimatii, Qonnaan ,Humna haaromfamaa ,Fayyaa, Barnootaan, Misooma Ogummaan, Raayyaa Ittisaan, Hubannaa Namtolchee fi bu’uuraalee Misoomaa Dijiitaalaa irratti tumsa qaban babal’isuuf waliigaluusaanii eeraniiru.
Hindi Wabii Fayyaa fi nyaataan, Teekinooloojii Qonnaan, orgaanikiin (qonna uumamaan),Dijiitaalaan, fayyaa fi damee Teekinooloojiin muuxannoo misoomaa qabdu qooduuf kutannoo qabaachuushee Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin ibsuusaanii dubbataniiru.
Hoggantoonni lamaan sanada walii galtee hedduu mallatteessuusaanii fi isaan keessaa Tumsa Gumrukii, Leenjii Ergama Nageenya Kabachiisuu Kennamu, Ministeera Dhimmaa Alaa Itiyoophiyaatti gidduugala daataa hundeessuun akka keessatti argamu ibsaniiru.
Hoggantoonni lamnaan michummaa gam-lamee gara michummaa Tarsiimo’aatti guddisuuf murteeffachuusaanii eeruun, kunis hariiroo biyyoota lamaanii gara boqonnaa haaraatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru.
Walii galteen michummaa kun dhimmoota murteessoorratti dhiheenyatti hojjechuuf kutannoo waloo qaban caalaatti akka cimsu ibsaniiru.
Barnootaa, dagaagina ogummaanii fi ijaarsa dandeettiin tumsa qaban caalaatti cimsuuf waliigaluusaanii kaasaniiru.
Hindi carraa Barnoota ICCR waggaa waggaan kennitu dachaan akka guddatu Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin beeksisuusaanii ibsaniiru.
Haaluma wal-fakkaatuun damee kunuunsa fayyaan keessumaa fayyaa haadholii fi Daa’immaniirratti, wal’aansa yeroo balaa fi Damee wal’aansa balaarratti dhiheessii meeshaalee fi sagantaawwan leenjii dhiheessuun humna Hospitaala Mahitama Gaandii guddisuuf deeggarsa taassisuuf qophii ta’uu ibsaniiru jedhaniiru.
Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin keessumaa Manufaakcheringii fi omisha Qorichaan kaampaaniin Hindi Itiyoophiyaatti guddachaa dhufetti gammaduusaanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Hindi sirna hunda galeessaa, haqaa qabeessaa fi seera Idil- Addunyaa irratti hundaa’e gaggeessuurratti tokko ta’anii akka dhaabbatan hoggantoonni lamaan mirkaneessuu saanii dubbataniiru.
Dabalataanis Ministirri Muummee Nareendiraa Moodiin Adeemsa Itiyoophiyaan dhaabbata Daldala Idil-Addunyaatti makamuuf taassistu akka deeggaran ibsaniiru.