Tamsaasa Kallatti:

Hindi imala misoomaa Itiyoophiyaan itti jirtuuf deeggarsa barbaachisu ni taasifti-Ministira muummee Nareendiraa Moodii

Mudde 8/2018(TOI)- Hindi imala misoomaa Itiyoophiyaan itti jirtuuf deeggarsa barbaachisu akka gootu Ministirri muummee Hindi Nareendiraa Moodii ibsan.

Ministirri muummee Nareendiraa Moodii walgahii waloo maneen maree bakka bu’ootaa ummataa FDRI fi federeeshinii 6ffaa bara hojii 5ffaa irratti haasawa taasisaniiru.

Haasawa taasisaniin, hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindi kan ture ta’uu eeranii, biyyoonni almaan seenaa fi aadaa akka walirraa qooddatan dubbataniiru.

Kanaaf Hindi fuula dura imala misoomaa Itiyoophiyaatiif deeggarsa barbaachisu gochuuf kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.

Keessumaa gama cehumsa teeknooloojii, seekuriitii saayibariin, gabbisa dandeettiin, qonnaan, barnootaa fi dameelee fayyaatiin waliin hojjechuuf biyyisaanii fedhii akka qabdu dubbataniru.

Damee nagaa fi tasgabbii riijiniirratti tumsi Itiyoophiyaa fi Hindi barbaachisaa ta’uu ibsanii, gama kanaanis cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Injifannoo Adwaan wal qabatees Itiyoophiyaan koloneeffatamuu diduun garaa guutuu fi tokkummaan qabsaa’anii injifdannoo gonfatan dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaan ammas shoora nagaa fi tasgabbii riijinichatti qabduuf ministirrri muummee kun dinqisiifataniiru.

Hindii fi Itiyoophiyaan waltajjiiwwan addunyaarrattis sagalee qaban qindeessuun mirgi biyyoota guddachaa jiranii akka kabajamu waloon hojjechuu akka qaban eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015