Tamsaasa Kallatti:

Daawwannaan Ministira Muummee Hindii, Itiyoophiyaan  damee hedduun shoora olaanaa idil addunyaatti bahachaa jirtu kan mirkaneessudha- Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

Mudde 8/2018(TOI)-Daawwannaan Ministira Muummee Hindii, Itiyoophiyaan  damee hedduun shoora olaanaa idil addunyaatti bahachaa jirtu kan mirkaneessu ta’uu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa daawwannaa Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii ilaachisee ibsa baaseera. Itiyoophiyaafi Hindiif tarsiismoo abbolummaa haaraa kan saaqedha jedhaeera.

Ergichi Guutuun isaa akka itti aanutti dhiyaateera;-

Walta'iinsa tarsiimoo Itiyoophiyaa fi Hindiin boqonnaan haaraan baname!

Daawwannaan kun, simannaa ho'aa Masaraa Biyyaalessaatti tasifameen alatti, Itiyoophiyaan waltajjii idil-addunyaa irratti ijjannoon dhagahamummaan isheen qabdu kan guddatee fi bakka guddaa tarsiimoo Hindiin gaanfa Afrikaaf kennitu agarsiisa.

Ministeera Dhimma Alaa keessatti Wiirtuu Daataa(Data Centre) hundeessuuf walii galteen taasifame Itiyoophiyaaf hiika guddaa qaba.

Waliigalteen kun Itiyoophiyaan odeeffannoo dippilomaasii ammayyeessuuf tattaaffii gootuu fi nageenya saayibarii ishee mirkaneessuuf kan taasiftu Hindiin deeggarsa teeknooloojii akka gootu kan gargaarudha.

Ol’aantummaa Hindiin damee dijitaalaa keessatti addunyaa irratti qabdu gara guddina dhaabbilee Itiyoophiyaatti fiduudhaan dandeettii dippilomaasii biyyattii sadarkaa olaanaatti ol guddifti.

Waliigalteen deeggarsa hoggansa waliinii Gumuruukaa irratti taasifame kun daldala biyyoota lamaanii mijeessuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Hindiin biyya ummta biliyoona 1. 46 qabduu fi biyya dinagdee guddaa qabdu waan taateef, kunis oomishaalee Itiyoophiyaa gara gabaa Hindii geessuuf haala kan mijeessudha.

Akkasumas alseerummaa daldalaa kan hambisu waan ta’eef gabaa yaadaa gara gabaa qabatamaatti jijjiiruuf shoora olaanaa qaba.


 

Hojii nagaa eegsisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti walii galtee mallatteessuun gahee Itiyoophiyaa fi Hindii addunyaa irratti qaban ni guddisa.

Itiyoophiyaa fi Hindiin humnoota nagaa eegsisan bobbaasuun addunyaarratti warreen gurguddoo keessaa yoo ta’an, gama kanaan waliin hojjechuuf walii galuun isaanii biyyoonni lamaan nagaa fi tasgabbii addunyaaf kutannoo akka qaban kan agarsiisudha.

Akkasumas tasgabbii dhabuu Gaanfa Afrikaa fi naannoo Galaana Hindii keessaaf furmaata waloo ta’uuf yaada qaban kan agarsiisudha.

Qabxiileen Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad "Aantummaa Waliinii"(shared priorities) jedhan ejjennoo walfakkaatoo biyyoonni lameenii ajandaa ‘BRICS+ fi Giloobaal Saawuz( Global South) irratti qaban kan calaqqisiisu dha.


 

Daawwannichis, Itiyoophiyaan damee hedduun shoora olaanaa idil addunyaatti bahachaa jirtu kan mirkaneessu yoo ta’u, Hindiin Itiyoophiyaadhaan akka amanamtuu fi hariiroo obbolummaa yeroo dheeraa taasiftee fudhachuun ishee, baay’ina Invastimantii alaa Itiyoophiyaa fi dhagahamummaa dippiloomaasii isheef milkaa’ina guddaa dha.   

Marii fi sirni walii galtee mallatteessuu biyyoota lameenii kun ummata Itiyoophiyaa fi hawaasa addunyaaf ergaan isaa ifa dha.

“Itiyoophiyaan tumsa tarsiimoo hariiroo ishee babal’isuu fi wiirtuu teeknooloojii fi anniisaa addunyaa guddoo kan taate Hindiif, kutannoo qabdu cimsaa akka jirtu kan agarsiisudha.”

Milkaa'inni kun carraa seena qabeessa "gabaa yaadaa" waliigaltee qabatamaatti ceessisuun "eenyummaa guddaa" Itioophiyaa waltajjii addunyaatti kan gurguredha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015