Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Hindi Nareendiraa Moodii yaadannoo injifannoo Adwwaa Abaaboo kaa’an

 

Mudde 8/2018(TOI)- Ministirri muummee Hindi Nareendiraa Moodii yaadannoo injifannoo Adwwaa Abaaboo kaa’aniiru.

Nareendiraa Moodiin Itiyoophiyaa daawwachuunsaanii hariiroo dippilomaasii Hindii fi Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf ture gara hariiroo tarsiimawaa olaanaatti kan ceesisudha.

Ministirri muummee Nareendiraa Moodii fakkeenya birmadummaa ummattoota gurraacha hundaa kan ta’e yaadannoo injifannoon Adwaa daawwataniiru.

Itiyoophiyaa fi Hindi gama dippilomaasii, dinagdee, hariiroo aadaatiin seenaa ture qabu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015