Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan mulqamte akka hin deebifanne seerri idil addunyaa dhorku hin jiru

 

Mudde 8/2018(TOI)-Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan mulqamte akka hin deebifamne seerri idil addunyaa dhorku akka hin jirre yunivarsiitii Samaraatti barsiisonni kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa ibsaniiru.

Dhimmi Galaana Diimaa seenaa keenya, qaroomina keenya, caasaa mootummaa keenyaa, nageenya keenyaa fi mul’ata dinagdee keenya waliin gadi fageenyaan hidhata qaba jedhan.

Itiyoophiyaanis dhimma abbummaa ulaa galaanaa waggootaf gaaffii dhalootaa kan ta’e deebii akka argatuuf karaa dippilomaasii fi seeraa itti fufinsa qabu hordofaa jirti.

Kanumaan walqabatee Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa yunivarsiitii Samaraatti barsiisota Kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa waliin turtii kan taasise yoo ta’u, dhimmi abbummaa ulaa galaanaa kanaa ilaalcha seeraanis, xiinsamuu fi dippilomaasiitiin deebii sirrii akka barbaadu barsiisonni kunneen himaniiru.

Itiyoophiyaan Galaana Diimaa qaama bishaanii ishee karaa seera qabeessa hin taaneen dhabde jedhan itti gaafatamaan kutaa barnootichaa Muktaar Xooyib.


 

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan mulqamte, akka hin deebifanneef seerri idil addunyaa dhorku akka hin jirre kan ibsan hayyuun kun, ajandaa abbummaa ulaa galaanaa lammiin guutuun gaafatu sirrii fi fudhatama kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee yeroo mulqamte, sanadni ykn waliigalteen mallattaa’e akka hin jirre hubachiisaniiru; kuni immoo fudhatama kan hin qabnee fi seera idil addunyaatiin iftoomina kan hin qabne ta’uu eeraniiru.

"Eertiraan yeroo Itiyoophiyaa irraa cittu Galaana Diimaa qaama bishaan Itiyoophiyaa ta'e qofaasheetti dhuunfachuu hin qabdu turte," kan jedhan barsiisaan kun, kunis akkaataa seera itti fayyadama bishaanii idil-addunyaa keessatti tumameen itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa ta'e kan faallessu ta'uu ibsaniiru.

Barsiisaan biraa Kaasahuun Abarraa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan gaaffii abbummaa ulaa galaanaa kanaa kan dhiyeessite haqa malee waan mulqamteefidha jedhan.


 

Itiyoophiyaan abbummaa ulaa galaanaa kanaa seera qabeessa waan ta’eef karaa dippilomaasii fi seeraan deebii akka aragtu adeemsa ishee itti fufuu akka qabdu hubachiiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015