Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsiitiiwwan kennaa naannawasaanii, dandeettii fi qabeenya dilbii bu’ureffachuun damee ergamaa fi xiyyeeffannoon adda baafamanii hojiitti seenaniiru

Mudde 7/2018(TOI)- Yuunivarsiitiiwwan kennaa naannawasaanii, dandeettii fi qabeenya dilbii bu’ureffachuun damee ergamaa fi xiyyeeffannoon adda baafamanii hojiitti seenuu isaanii Ministeerri Barnootaa ibse.

Ministeera Barnootaatti Daarektarri Olaanaa Dhimmoota Akkaadaamii Barnoota Olaanoo TOI waliin turtii taasisaniin qulqullina barnootaa mirkaneessuun hojii olaanaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Ministeera barnootaatti dursaa hojii raawwachiisaan dhimmoota akkaadaamii barnoota olaanoo Dr. Eebbaa Miijanaa turtii TOI waliin taasisaniin, qulqullina barnootaa mirkaneessuun hojii adda duree hunda caalaa xiyyeeffannoon kennameefidha.

Haala Kanaan dhaabbileen barnootaa olaanoo mootummaa fi dhuunfaa qulqullinaan akka barsiisan keessumaa jijjiiramaan asitti hojiileen riifoormii hedduun raawwatamuu ibsaniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf sagantaa barumsa digirii jalqabaa waggoota sadiif kennamaa ture wagga afur akka ta’u godhamuunsaa cabiinsa uumame suphuuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessa ta’uu dubbataniiru.

Dahhbbileen barnoota olaanoo miisteera barnootaaf itti waamaman hundi jechuun haala danda’amuun dameelee barnootaa wal fakkaataa barsiisaa turuunsaanii hanqina ta’uu kaasaniiru.

Yuunivarsiitonni yeroo ammaa kennaa naannawasaanii, dandeettii fi qabeenya dilbii bu’ureffachuun damee ergamaa fi xiyyeeffannoon adda baafamanii hojiitti seenuusaanii beeksisaniiru.

Kana cinaattis sirna barnootaa hojiirra oolchan yeroo waliin kan deemuu fi teeknooloojii of keessatti akka qabatu godhamuusaa ibsaniiru.

Barumsi teeknooloojiin kennamu qulqullina mirkaneessuu fi lammii ogummaa fi beekumsaan gabbate horachuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.

Barattoonni naamusaan akka guutaman baruu fi barsiisuun cinaatti  leenjiin amala gabbisuu kennamaafii akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015