Tamsaasa Kallatti:

Waldaaleen Hojii Gamtaa Qusannoo fi liqii Aadaan qusannaa hawaasaa akka cimuuf qoodasaanii bahu qabu

Mudde 7/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti waldaaleen hojii gamtaa Qusannaa fi Liqii aadaan qusannaa hawaasaa akka dagaaguuf qoodasaanii akka  bahan Ejensiin waldaa hojii Gamtaa Naannichaa gaafate.

Godina Baaleetti Yuniyeeniin waldaa  Hojii Gamtaa  Qusannaa fi liqii Tulluu Diimtuu  yaa’ii  hundeeffamasaa gaaggeesseera.

Akkaataa Labsii Waldaa Hojii Gamtaa Naannoo Oromiyaa lakkoofsa 218/2011 tiin waldaaleen hojii gamtaa lamaa fi isaa ol  kaayyoo walfakkaataa qaban  Yuniyeenota hundeessu.

Godina Baaleetti waggoottan darban dameelee dinagdee adda addaarratti kan hojjetan waldaaleen hojii gamtaa 500 ol ta’ani fi  Yuniyeenonni  gurmaa’anii  humna dinagdee miseensotaa guddisuuf  hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Yaa’ii hundeeffama Yuniyeenichaarratti kan argaman  Ejensii waldaa hojii Gamataa oromiyaatti Daarektaarri  Babal’ina Waldaalee Obbo Kamaal Hasan akka jedhanitti, naannichatti waldaan qusannaa fi liqii aadaa qusannaa Hawaasaa dagaagsuuf qoodasaanii bahu qabu jedhaniiru.

Naannichatti dameelee adda addaan waldaaleen hojii gamtaa qusannaa fi liqii fi Yuniyeenonni kuma 6 fi  522 caalan hawaasaaf dhaqqabamaa  ta’uura darbee humna faayinaansiisanii  ni cimsatu jedhaniiru.

Waldaaleen kun bakka baankonni hin geenye gahuun kutaa hawaasaa galiinsaanii xiqqaa ta’e caalaatti  fayyadamoo  taassisuusaanii  dubbataniiru.

Waldaan hojii Gamtaa Yuniyeenii Qusannoo fi liqii Tulluu Diimtuu Godina  Baalee ayyaana hundeeffamasaa gaggeesse humna  faayinaansii dabalataa kan uumu ta’uu  ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Waldaa hojii Gamtaa Godinichaa Obbo Awwal Ibiraahim gamasaaniin, Yuniyeeniin Tulluu Diimtuu godinicha aanaalee adda addaatti miseensota  dursanii gurmaa’an waldaalee hojii gamtaa bu’uuraa 62  hundeessuu dubbataniiru.

Yuniyeeniin kaappitaala ka’umsaa birria  miiliyoona 10  qabatee hundeeffame  gara hojiitti yeroo galu kaffaltii  qusannaa miseensotarraa walitti qabu deebisee liqeessuun  humna faayinaansii qonnaan  bulaa akka ta’u  dubbataniiru.

Yuuniyeeniin hundeeffame  waldaalee hojii gamtaa dhuunfaan hojjetan qindeessuun  hojii fooya’e hojjechuuf humna guddaa kan  uumu ta’uu  itti aanaan bulchaa Godina Baalee obbo Abiraam Haayilee Ibsaniiru.

Itti gaafatamaan  waajjira waldaa hojii Gamtaa Godinichaa Awwal Ibiraahim gamasaaniin  Yuniyeeniin Tulluu Diimtuu miseensota waldaalee hojii gamtaa bu’uraa 62 aanaalee garagaraatti dursanii gurmaa’aniin hundaa’uusaa dubbataniiru.

Waldan kun kaappitaala ka’umsaa birria miiliyoona 10niin hundeeffamuun ibsaniiru.

Yuuniyeeniin hundeeffame waldaalee hojii gamtaa bu’uraa qofa qofaa hojjechaa turan qindeessuun hojii fooyya’aa hojjechuuf human guddaa kan uumu ta’uu kan ibsan ammo itti aanaa bulchaa godina Baalee obbo Abrihaam Hayileeti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015