Rakkoolee damee geejjibaarratti mul’atan furuuf hojmaata ammayyaa babal’isuun ni barbaachisa - ENA Afaan Oromoo
Rakkoolee damee geejjibaarratti mul’atan furuuf hojmaata ammayyaa babal’isuun ni barbaachisa
Mudde 7/2018(TOI)-Rakkoolee damee geejjibaarratti mul’atan furuuf hojmaata ammayyaa babal’isuun akka barbaachisu manni maree bakka bu’oota ummataa hubachiise.
Ministirri geejjibaa fi lojistiksii Dr. Alamuu Simee walgahii idilee mana maree bakka bu’oota ummataa 4ffaarratti argamuun gaaffilee miseensota mana maricharraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.
Tajaajila geejjibaa ammayyeessuun, nageenya daandii eegsisuu fi balaa Tiraafikaa ittisuurratti hojmaata ammayyeessuun hojii cimaa hojjechuun ni barbaachisa jedhan miseensonni mana maree.
Rakkoolee bulchiinsa gaarii fi hjmaata badaa gama sirreessuutiin akkasumas kenniinsa eyyama konkolaachisaa gama sakatta’uutiin maaltu hojjetamaa jira jechuun gaafataniiru.
Ministirri geejjibaa fi lojistiksii Dr. Alamuu Simee deebii fi ibsa kennaniin balaan tiraafikaa fi nageenyi daandii Itiyoophiyaa keessatti qormaata ta’uu kaasaniiru.
Baay’inni Konkolaataa Itiyoophiyaa keessa jiru xiqqaadha kan jedhamu ta’uus balaan qaqqabu garuu guddaa ta’uuu eeranii, kanaaf ammoo sababni guddaan dandeettii dhabuu fi rakkoo naamusaa konkolaachiftootaati jedhaniiru.
Rakkoo kana furuuf ga’umsa konkolaachiftootaa irratti xiyyeeffanneerra jedhaniiru.
Fakkeenyaaf naamusa, beekumsaa fi dandeettii konkolaachiftootaa guddisuuf ulaagaaleen leenjii fi madaalliin ogummaa qophaa’uu kaasaniiru.
Dhaabbilee karaa seeraan alaa teekiniika konkolaataa sakatta’anii fi eyyama konkolaachisaa kennan irratti tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru dubbataniiru.
Damee geejjibaa fi lojistiksii ammayyeessuun rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa furuuf teeknooloojiin deeggaramuun hojjetamaa akka jiru ministirichi ibsaniiru.
Fakkeenyaaf gama daldala alergii fi alaa galu, geejjiba ummataa fi Kenniinsa gabateerratti hojmaatileen teeknooloojii fayyadamuun dandeessisan diriirfamuu dubbataniiru.
Damee geejjibaatiin human haaromfamutti fayyadamuun karoora akka biyyaatti dinagdee magariisaa ijaaruuf karoorfame dhugoomsuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.