Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti dargaggoota ogummaa fi dandeettiin gahoomsuun hojiitti akka galan taasifamaa jira – Biiricha

 

Mudde 7/2018(TOI)- Naannoo Oromiyaatti dargaggoota ogummaa fi dandeettiin gahoomsuun hojiitti akka galan taasifamaa jiraachuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa naannichaa ibse.

Biiroon kun dorgomtummaa hojii dargaggoota guddisuuf leenjii qabatamaa fi barreeffamaa (tiwoorii) kennaa jiraachuu beeksiseera.


 

Piroojektii ogummaa "Har'a boriif" jedhuun Magaalaa Adaamaatti dargaggoonni leenjii hojii irratti fudhatan 1,799 eebbifamaniiru.

Hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiinar Eebbaa Garbaa akka ibsanitti, kolleejjiiwwan teeknikaa fi ogummaa waliin ta’uun sagantaalee leenjii yeroo gabaabaa fi dheeraa dargaggootaaf kennuun, dandeettii fi ogummaa akka horatan taasisuun hojiitti akka seenan taasifameera.

Leenjiin kunis dargaggoonni hojii qabatan akka cimsataniif kan gargaaruu fi kaaniif immoo hojii akka uummatan kan taasisu ta’uu eeraniru.

Naannichatti qaama piroojektii ogummaa "Har'a Boriif" dargaggoota naannichaa fooyyessuuf kaayyeffate ta'uun leenjiin ogummaa hojii irratti Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmaatti kennamuu isaa eeruun, sirni eebbaa har'a magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jiru qaama tattaaffii kanaa ta'uu ibsaniiru.


 

Dargaggoota leenjii hojiirraa fudhatan keessaa 200 milkaa’uuniifi carraa indaastirii keessatti qacaramuu akka argatan himaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalaa Adaamaa Obbo Abdulqaaadir Xaayib ji’oota sagal darban keessatti leenjiin huccuu, hoteelotaa fi tajaajilaa, daldalaa, oomishaa fi kanneen biroo irratti leenjiin kennamuu isaa hubachiisaniiru.

Haaluma kanaan, leenjifamtoonni 1,799 leenjii ogummaa fi dandeettii milkaa’inaan xumuruun eebbifamaniiru jedhan.

Dargaggoonni kunneen hojiitti galuuniif of danda’anii beekumsaa fi dandeettii horataniin jireenya isaanii akka fooyyeffatan maashinariin liizii, liqaanii fi lafti irratti hojjetan akka mijeeffameefii ibsaniiru.


 

Dargaggoonni qacaramanii hojjechu barbaadan immoo indaastiriiwwan waliin hariiroo uumameen hojii akka argatan taasifameera jedhan.

Itti aanaan kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Maatiyaas Sabboqaa akka jedhanitti, dandeettii ogummaa fi carraa hojii uumuu dargaggoota magaalichaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera. Kanaafis leenjiin kennamaa jiraachuu eeruun, iddoon itti hojjetan mijachuu ibsaniiru.

Leenjifamtoota keessaa dargaggoo Yohaannis Dajanee Kolleejjii Pooliteeknikii Adaamaatti leenjii kompiitaraa fudhachuu isaa eeruun, gara hojiitti seenuuf waldaan gurmaa’uun eeyyama daldalaa baafachuu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015