Marii Biyyoolessaan rakkooleen Bu’uurarraa hiikamanii Tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi fulla’aan akka bu’uuf qooda keenya ni baana-Jaarsolii biyyaa - ENA Afaan Oromoo
Marii Biyyoolessaan rakkooleen Bu’uurarraa hiikamanii Tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi fulla’aan akka bu’uuf qooda keenya ni baana-Jaarsolii biyyaa
Mudde 7/2018 (TOI)- Marii Biyyoolessaan rakkooleen bu’uurarraa furamanii tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi fulla’aan akka bu’uuf qooda keenya ni baana jechuun jaarsoliin biyyaa Miizan Amaan dubbatan.
Komishinichi cabinsa siyaasaa, Dinagdee fi Hawaasummaa biyyicha keessa ture furuun, nageenyi fulla’aan akka dhugoomuuf of-danda’aa fi hirmaachisaa haala ta’een lammiileen akka marii’ataniif hojjechaa jiraachuun ni beekama.
Kanaanis hanga ammaatti naannoolee 11 fi Bulchiinsota Magaalaa Lamatti hirmaattota adda baasuun Ajandaa fudhachuun adeemsi marii itti fufeera.
Kanaan wal qabatee Jaarsolii Biyyaa Miizan Amaan TOI’n dubbise marii’atanii rakkoo furuu kan caalu akka hin jirre ibsaniiru.
Dhimma biyyaarratti walitti dhihaachuun marii’achuun biyya dhalootaaf toltu, nageenyi kan itti bu’ee fi Hiyyummaa keessaa baate ijaaruun Itti gaafatamummaa hunda keenyaati jedhaniiru.
Kanaanis marii biyyoolessaan rakkooleen bu’uurarraa hiikamanii tokkummaa biyyoolessaa cimaa fi nageenyi waaraan akka bu’uuf qooda keenya ni baana jechuun dubbatniiru.
Jaarsolii biyyaa keessaa Liqa Haagar Habtamaariyaam Kaazinteet, boqonnaa qophiirraa eegalee tattaaffiin komishiniin marii biyyoolessaa bu’aa qabeessa akka ta’u jaarsoliin biyyaa qooda keenya ni baana jedhaniiru.
Nageenya fulla’aa, misoomaa fi tokkummaa sab-daneessummaa Itiyoophiyaa cimsuuf , tattaaffiiwwan eegalaman abdii kan namatti horan ta’uu ibsuun, milkaa’inasaaf tumsaa fi deeggarsi hunda keenyaa barbaachisaa jechuun dubbataniiru.
Akkasumas jaarsi biyyaa Mulgeetaa Tasfaayee, Nageenyi biyyaa kan cimu, misoomni kan mirkanaa’u marii’achuun, waliigaltee fi kaayyoo waloo qabaachuun hojjechuun ta’uu ibsuun, carraan marii bu’aa qabessa gochuu fi biyyaaf hojjechuu qabna jedhaniiru.
Adeemsa marichaa hanga ammaatiin hirmaachisummaa gaaffii hedduuminaa kan dhaggeeffatee fi ajandaawwan kan keessummeesse ta’uu kaasuun haala furmaata fiduun xumuruun barbaachuisaa ta’uu ibsaniiru.
Jaarsa biyyaa Abarraa Dastaa gamasaaniin, biyya dhaloota dhufuuf biyya mijattuu, tasgabbooftuu fi tokkummaanshee cime dhaalchisuuf adeemsa marii biyyoolessaa abdiin itti kenname milkeessuuf itti gaafatamummaa hunda keenyaati jedhaniiru.
Komishiniin marii biyyoolessaa erga hundaa’ee eegalee boqonnaa qophiirraa eegalee hanga ammaatti hojii hedduu hojjechuunsaa ni yaadatama.