Tamsaasa Kallatti:

Giddugalichi oomishtummaa garbuu guddisuuf kan isa dandeessisu sanyii ka’umsaa baay’isuu gaggeessaa jira

 

Mudde 7/2018(TOI)- Giddugalli Qorannoo Qonnaa Sinaanaa oomishtummaa garbuu guddisuuf sanyii ka’umsaa baay’saa jiraachuu ibse.

Gosoota giddugalichi kanaan dura qorannoodhaan gadhiisee ture keessaa gosoota boqqolloo fi garbuun biqilaa adda addaa 15 ni argamu.

Hojii gaggeessaan jiddu galichaa obbo Taammanaa Miidhagsaa TOItti akka himanitti, giddugalichi wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu qorannoodhaan deeggaraa jira.


 

Keessattuu, giddugalichi waggoota darban keessa qamadii, garbuu fi kanneen biroo saddeet irratti qorannoo gaggeessuun bu’aa qorannoo 116 fayyadamaa biraan ga’uu isaa yaadachiisaniiru.

Giddugalichi sanyiiwwan qorannoon argate qonnaan bulaan biraan gahuu, naannoo lafa heektaara 200 gahu irratti sanyii ka’umsaa baay’isaa jiraachuu ibseera.


 

Keessattuu qorannoo bu’a qabeessa waggoota darban gaggeessee fi naannoo uumamaa mijataa ta’e qabaachuu irraa kan ka’e, qindeessaa qorannoo garbuu biyyoolessaa ta’uun tajaajilaa akka jirus ibsaniiru.

Giddugalli qorannoo kun, qorannoowwan sanyii garbuurratti gaggeeffaman qindeessaa akka jiru kan ibsan ammoo jiddu galichatti qindeessituu qorannoo garbuu biyyaalessaa aadde Hiwoot Sabsibeedha.

Qonni Sinaanaa waggoota darban keessatti qonna garbuu irratti qorannoo milkaa’aa gaggeesseen, garbuu soorataa gosa sagal, gosa lamaa akaawiif fi garbuu biqilaa gosa afur fayyadamtootaaf dhiyeessuu isaa agarsiisaniiru.

Gosoota garbuu soorataa giddugalicha irraa gadi lakkifaman keessaa gosootni ''Walashee'' fi ''Geessee'' jedhaman, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 65 kan argamsiisan ta'uu ibsaniiru.


 

Akkasumas gosoota garbuu biqilaa "Singitanii" fi "Mo’ataa" kan fedhii warshaalee biqila barbaadanii guutanii, heektaara tokko irraa kuntaala 50 ol oomishuu kan dandeessisu argamuu eeraniiru.

Aadde Hiwoot akka jedhanitti Sinaanaa dabalatee, biyyattii naannoolee adda addaatti giddugaloonni qorannoo argaman qorannoo taasisaniin, soorata irra darbee garbuun biqilaa kanaan dura biyya alaatii galfamu ture amma biyya keessatti oomishuun danda’amuu eeruun,kuni immoo sharafa alaaf baasii baafnu hambiseera jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015