Tamsaasa Kallatti:

Eenyummeessaan Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf murteessaadha

Mudde 7/2018 (TOI)-Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddiin ibsan.

Galmee fi sosochiin hubannoo uumuu waraqaa eenyummaa Faayidaa dijiitaalaa biyyoolessaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Deetaan Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikimaa Kaayraddin akka ibsanitti Enyummeessaan dijiitaalaa Faayidaa fayyadamummaa dinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessuuf humna guddaa uuma.

Faayidaan dubartotaaf, daa’immanii fi qaama miidhamtootaaf mirga wal-qixaa kan itti mirkaneessamuu fi meeshaa hojiin itti raawwatamu ta’uu ibsaniiru.

Haata’u malee dubartoota dabalatee kutaan hawaasaa hundi galmee Eenyummeessaa Faayidaa gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Daarektaarri Sagantaa Eenyummeessaa biyyolessaa Yoodaahee Aar’ayasillaasee gamasaaniin akka jedhanitti, mootummaan lammiin hunduu guutummaa guutuutti fayyadamaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa taasisuuf hojjechaa jira.

Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa dinagdee ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu fi jiraataa lammii Itiyoophiyaa kan ta’e namni kamiyyuu eenyummaasaa kan itti ibsatuu fi mirgasaa kan itti mirkaneeffatudha jedhaniiru.

Yeroo ammaa lammiileen hundi galmee Eenyummeessaa Dijiitaalaa taasisuu eeruun, fuulduratti gara godinootaa fi aanaatti gad- bu’uun hojiin galmee akka raawwatamu dubbataniiru.

Sadarakaa biyyoolessaatti galmee Eenyummeessaa Faayidaa milkeessuuf hirmaannaan dubartootaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Sadarkaa biyyoolessaatti lammiilee Eenummeessaaf galmaa’an keessaa dhibbentaan 40 dubartoota ta’uun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015