Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan Carraalee gabaa kaappitaalaa kaampaaniiwwan biyya alaaf banaa gochuunshee baay’ina Invstimantii ni guddisa-hojii raawwachiisaa olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Ruwaandaa Happelloo Tiishii’ol

Mudde 7/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan Carraalee gabaa kaappitaalaa kaampaaniiwwan biyya alaaf banaa gochuunshee baay’ina Invstimantii guddisuuf akka ishee gargaaru hojii raawwachiisaa olaanaan abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Ruwaandaa Happelloo Tiishii’olibsan.

Gabaan kaappitaalaa Itiyoophiyaa adeemsa sirriirra akka jirus dubbataniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad  baatii Amajjii 2017 Itiyoophiyaatti gabaa sanada maallaqaa kan jalqabaa eegalchiisuunsaanii ni beekama.

Gabaan sanada maallaqaa qama riifoormii man dhaleeti. Gabaa kana kan to’atu abbaan taayitaa gabaa kaappitaalaa hundeeffamee hojii eegaleera.

Hojii raawwachiisaan olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Ruwaandaa Happeelloo Tiishii’ol, gabaa kaappitaalaa dabalatee dameelee garagaraa gabaa biyya alaaf banaa gochuunshee  guddina dinagdee Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka qabaatu turtii TOI waliin taasisaniin ibsaniiru.

Dureeyyiin biyya alaa gabaa kaappitaalaa keessatti hirmaachuunsaanii  kaappitaala gabaa sanada maallaqaatiin argamu guddina dinagdeef fayyadamuuf akka gargaaru himaniiru.

Invastimantii kallattii biyya alaa fi carraalee garagaraa bal’isuuf carraa gaarii akka uumu dubbataniiru.

Gabaan kaappitaalaa guddina dinagdee fi misooms biyya tokkoof bu’ura akka ta’es ibsaniiru.

Kaampaaniiwwan yookaan dhaabbileen gara gabaa kana dhufanii gabaa sanada maallaqaa irraa aksiyoona bituu fi gurguruu dabalatee filmaattota kaappitaalli ittiin argamu fayyadamuunsaanii guddina dinagdee walii galaaf qoodasaa akka bahatu himaniiru.

Itiyoophiyaan gabaa kaappitaalaashee jijjiiruu fi biyya alaaf banaa gochuunshee bu’ura cimaa kaa’uurra darbee kaampaaniiwwan gara gabaatti akka dhufan gochuun damichi akka guddatu akka godhu ibsaniiru.

Gama Kanaan tarkaanfiin imaammataa gabaa kaappitaalaa banaa gochuuf fudhatame gabaan kun caalaa akka bal’atu haala nijataa akka uumu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015