Tamsaasa Kallatti:

Leenjiin Itiyoo-Koodarsii dandeettii dijiitaalaa keenyaa guddiseera – Leenjifamtoota

Mudde 7/2018 (TOI)-  Leenjiin Itiyoo-Koodarsii dandeettii  dijiitaala isaanii fooyyessuun dorgomummaa isaanii  guddisuu leenjifamtoonni  Naannoo Beenishaangul Gumuuz   dubbatan. 

Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kaayyoon leenjiin  Itiyoo-koodarsii lammiilee Miiliyoona 5 ta’an  galmoota dhibbentaa 100 Ministira Mummee Dr. Abiyyi Ahimadiin  kaa’aman keessaa tokko  dha.

Kunis dandeettii dijiitalaa lammiilee cimsuun  dorgomaa fi kan gahooman isaan taassisuu lammiileen leenjicha fudhatan ibsaniiru.

Naannoo Beenishaangul Gumuuz magaalaa Asoosaatti namoota leenjicha fudhatan  keessaa Shaambal Bazzaabbih  akka  ibsanitti,  innisheetifiin koodarsii miiliyoona 5, dandeettii dijiitaala lammiilee guddisuun  human namaa qaroomee fi yeroon barbaadu  uumuuf gargaara.

Leenjichi  ijaarsa dinagdee dijiitaalaaf  faayida qabu dabalataan,  beekumsa dijiitaalaa lammiilee dagaagsuun Appilikeeshiniiwwan(Moosaajii) teekinooloojiiwwan haaraa  misoomsuuf  kan dandeessisu  ta’uu  ibsaniiru.

Koorsiiwwan inisheetifiin  Itiyoo-Koodarsii Afran kan xumuree leenji’aa biroon Biraanuu Shittaanaa  akka jedhanitti,  inisheetifiin  Itiyoo-Koodarsii  lammiileen  of- gahoomsuuf  carraa  gaarii uuma. 

Leenjichi hojii idileesaa guddisuu fi  hojii dabalataa yeroo boqqonnaasaatti   eegale bu’aa qabeessa taasisuuf   dandeettii  dabaluusaa  dubbataniiru.

Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti  waggaa sadii keessatti  lammiileen kuma 65n leenjicha akka fudhatan  karoorri qabamee  gara  hojiitti galamuu  daarektara  Saayinsii, Teekinooloojii fi Ejansii Infoormeeshin Komunikeeshinii  Yittaayyal Balaay  ibsaniiru.    Naannichatti hanga ammaatti  lammiileen  kuma 12 fi 200  ol  leenjicha hordofaa jiraachuu  kan ibsan daarektarri olaanaan kun, naannichatti  hoggantoota olaanoon xiyyeeffannoon itti  kennamee  hojjetamaa jira  jedhaniiru.

Leenjiin Itiyoo-koodarsi  itti fayyadama teekinooloojii  fooyyessuun dandeettii lammiilee guddisuurra darbee   dijiitaala Itiyoophiyaa  ijaaruuf karoora qabameef murteessa waan ta’eef hirmaannaa  lammiilee kan gaafatu ta’uu  ibaniiru.

Naannichatti leenjii koodarsii haala qindaa’een  adeemsisuuf dhaabbilee adda addaa waliiin  wal tummsuun  lammiileen leenjicha akka fudhan  taassifamaa jiraachuu  daarektaarri  olaanaan kun eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015