Tamsaasa Kallatti:

Nageenya dijitaalaa mirkaneessuun bu’uuraalee misoomaa ijoo eeguuf hojjetamaa jira

 

Mudde 7/2018(TOI)- Bulchiinsi Nageenya Neetworkii Odeeffannoo, adda durummaan nageenya dijitaalaa mirkaneessuun, bu’uuraalee misoomaa ijoo haleellaa irraa ittisuuf hojjechaa akka jiru ibse.

Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannootti Daarektarri Ittisa Saayibarii Mohaammad Farajaa akka jedhanitti, biyyi keenya haleellaa saayibarii, keessumaa kanneen bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an irratti xiyyeeffatan ittisuuf Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo hundeessitee hojjechaa jirti.

Dabalataan, tarsiimoon dijiitaalaa 2025 ragga’e nageenya saayibarii akka fakkeenya tokkootti fudhachuun, bal’inaan irratti hojjechuun dhaabbileen inisheetivii mataa isaanii bocachuun of ittisuu kan dandeessisu hojiin hojjetamuu ibsaniiru.

Akkasumas labsiin eegumsa odeeffannoo dhuunfaa bara 2024 ragga’e, abbootiin qabeenyaa bu’uuraalee misoomaa ijoo ta’an haleellaa saayibariif akka hin saaxilamne eeguun gargaarsa guddaa taasisaa jira jedhan.

Kana malees wixineen labsii eegumsa bu’uuraalee misoomaa ijoo irratti Bulchiinsi Labsiin Nageenya Neetworkii Odeeffannoon qophaa’ee akka jiru eeruun, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiyaatee bara kana ni raggaasifama jedhamee eegama.

Kunis bu’uuraalee misoomaa ijoo eeguuf carraa guddaa kan uumu ta’uu TOItti himaniiru.

Dabalataanis, sektaroota keessa rakkoolee maal maaltu jira? Kan jedhu hordofuun, rakkoolee sektaroota mudatan abbootii qabenyaa sektarootaa waliin ta’uun rakkoo sana hir’isuuf ni hojjetama jedhan.

Inistiitiyuutichi hanqina dandeettii damee kanaa guutuuf, Yunivarsiitiiwwan gurguddoo waliin tumsa uumuun sadarkaa digrii lammaffaa fi sadaffaatti barnoota nageenya saayibarii kennaa akka jirus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015