Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti dhaloota  Naamusaan Guutamee  horachuuf  hojjetamaa jiru

 Mudde 6/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaa dhaloota naamusaan Guutamee fi   malaammaltummaa  jibbu   horachuuf  Manneen Barnootaa waliin  hojiin qindoominaa hojjetamaa jiraachuu komishiniin naamusaa fi Farra malaammaltummaa naannichaa beeksise.

Komishinichatti Itti gaafatamaan Damee Biiroo Giddugaleessaa Obbo Jireenyaa Taaddasaa akka ibsanitti, dhaloota naamusaan  guutamee fi   malaammaltummaa irraa  qulqullaa’e horachuuf   Maneen Barnootaa qooda olaanaa qabu.

Kanaaf dhaabbilee Barnootaa waliin qindoomuun gumii namusaa maneen barnootaatti  akka  dhaabbatuuf waliin hojjechuun  malaammaltummaa  ittisuurratti  leenjiin  kennamuu ibsaniiru. 

Gumichaan Ijaarsa naamusaa fi  safuu  irratti kan xiyyeeffate mariin gita gitaa gaggeessuun  dhaloota malaammaltummaa  jibbu  horachuuf tattaaffiin taassifamaa jiraachuu  hubachiisaniiru.

Barattoonni  naamusa gaariin guutamanii  lammii biyya fudhatu  akka  ta’aniif  xiyyeeffannoon  kennamee  hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Aakka ibsa hogganichaatti naamusa gaariin guutamuu Barattootaa  Maneen Barnootaattis ta’e  hawaasa keessatti  walitti dhufeenya  qabaniin  malaammaltummaa ittisuuf  qooda gaarii  qaba.

Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina  Shawaa Bahaa  obbo Girmaa Lammaa gamasaaniin, Manneen Barnootaa Barattoota Beekumsaan  gahoomsurra darbee dhaloota  naamusa qabu horachuuf  itti gaafatamummaa qabu . 

Kanaafis Maneen Barnootaa Godinicha  jiran  gumii naamusaa  fi Lammummaa  dhaabuun  lammii naamusa gaarii qabu  horachuu  akka  danda’aniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu  ibsaniiru.

Maneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti  gumiiwwan  hundaa’an  barattoonni  turtiisaanii Mana Barnootaan qajeeltoowwan naamusaarratti hubannaa gaarii akka qabaatan  gochuurra darbee  bu’aa qabeessummaa barnoota saaniif   qooda olaanaa gumaachuu  eeraniiru.

Kunis hojii baruu fi barsiisuu  bu’aa qabeessa taassisuun human   beekumsaan dorgomaa  taassisuu akka uumamuuf kan isaan deeggaru ta’uu   ibsaniiru.

Guyyaan  Farra -malaammaltummaa Idil-Addunyaa bara kanaa yeroo  22ffaa mata-duree “ dhaloota naamusaan, Dhaabbata Hoj-maataan “ jedhuun   sadarkaa sadarkaan kabajamuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015