Dhibee Pooliyoo (Poliomyelitis) - ENA Afaan Oromoo
Dhibee Pooliyoo (Poliomyelitis)
Pooliyoon /Daa’imman kan laamshessu vaayirasii pooliyoon jedhamuun kan daddarbu yoo ta’u, baay’inaan daa’ imman waggaa shanii gadi ta’an miidha.
Vaayirasiin dhibee Pooliyoo qaama miidhamaa umurii guutuu nama taasisuu kan danda’u yoo ta’u, darbee darbee immoo yeroo gabaabduu keessatti lubbuu balleessuu danda’a.
Gosawwan infeekshinii Pooliyoo
Mallattoo homaayyuu kan hin agarsiifne
Vaayirasii pooliyoon warreen qabaman dhibbeentaan 90-95 kan ta’an mallattoo homaa kan hin agarsiifne dha. Garuu vaayirasicha daddabarsuu fi warreen kaan faaluu danda’u.
Pooliyoo Xiqqoo(Minor)
Namoonni qabaman dhibbentaa 4-8 kan ta’an, mallattoolee xiqqoo agarsiisuu malu. Mallattooleen kunneenis, guyyoota 2-5 turuu kan danda’an yoo ta’u, ho’ina qaamaa, mataa boowwuu, dhukkuba qoonqoo fi balaqqamsiisuu dha. Mallattooleen kunneen yeroo baay’ee guutummaa guutuutti dhabamuu danda’u.
Pooliyoo Miidhaa Guddaa Geessisu(Paralytic)
Infeekshiniiwwan dhibbentaa tokkoo gadi ta’an gara pooliyoo guddaatti jijjiiramu. Vaayirasiin kun sirna narvii miidhuun, dhukkubbii maashaalee fi maashaan akka tasaa dadhabuu fi laamsha'uu (Acute Flaccid Paralysis) fida.
Kunis irra jirressaan, maashaalee harkaafi miillaa kan miidhu yoo ta’u,dhibbentaa 5-10 kan ta’u irratti immoo maashaalee afuura baafannaa miidhuun du’aaf saaxiluu danda’a.
Karaalee Dhibeen Pooliyoo daddarbu
Dhibeen Pooliyoo vaayirasii haala salphaan kan badu miti;gara qaama namaatti kan galu baay’inaan karaa afaaniiti.
Karaaleen inni ittiin nama fayyaatti daddarbus, karaa bobbaa nama dhibee sanaan faalameen yoo ta’u, namni sanaan faalame bakka hin malletti yoo bobba’e karaalee bishaan dhugaatiifi soorata sanaan faalamaniifi qulqullina dhabuu irraan kan ka’e ta’uu mala.
Dhibee Pooliyoo akkamiin ittisuun danda’ama?
Pooliyoon dhibee daawaa hin qabne waan ta’eef,talaallii qofaan ittifama.
Bara 1988 irraa eegalee talaallii pooliyoo kennamaa jiruun, addunyaa irraa namoota miliyoona 20 kan ta’an qaama miidhamtummaa irraa baraaruun danda’ameera.
Tamsa’ina dhibee Pooliyoo ittisuuf maal gochuu qabna?
Qulqullina harkaa eeggachuu;keessumaa mana fincaanii fayyadamanii,nyaata boodaafi duras harka ofii saamunaan sirriitti dhiqachuu.
Bishaan qulqulluu dhuguufi soorata qulqullina qabu sirnaan qopheessanii soorachuu