Yunivarsiitichi Godina Harargee Bahaa fi Bulchiinsa Magaalaa Maayaaf sanyii filatamaa Qamadii deeggarsa taasise - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitichi Godina Harargee Bahaa fi Bulchiinsa Magaalaa Maayaaf sanyii filatamaa Qamadii deeggarsa taasise
Mudde 6/2018 (TOI)-Yuunivarsiitiin Haramaayaa Godina Harargee Bahaa fi Bulchiinsa Magaalaa Maayaaf sanyii filatamaa Qamadii misooma jallisii Boneef oolu deeggarsa taasise.
Sanyii fooyya’aan kun dhukkubaa fi hongee dandamatee yeroo gabaabaatti kan gahu ta’uu dubbataniiru.
Deeggarsicha itti aanaan pirezidaantii Qorannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa Yuunvarsiitii Haramayaa Dr.Yisaaq Yusuuf hoggantoota Godina Harargee Bahaa fi Bulchiinsa Magaala Maayaaf kennaniiru.
Deeggarsi Godinichaa fi Bulchiinsa Magaalichaaf taassifame sanyii fooyya’aa Qamadii Kuntaala 600 ta’uu ibsaniiru.
Moggaasa maqaa "Kiingi Bardi " jedhamu kan kennameef sanyiin Qamadiin fooyya’aan hanqina roobaa dandamachuun yeroo gabaabaatti oomisha bu’aa qabeessa ta’uu Dr. Yisaaq ibsaniiru.
Deeggarsi sanyii filatamaa kun Godinaa fi Bulchiinsa magaalichaatti lafa heektaara 600 misoomsuun oomisha kuntaala kuma 18 walitti qabuuf kan dandeessisuu fi Misooma Jallisii Bonee naannichaaf kan oolu ta’uu dubbataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaa Obbo Abdii Ahimad gamasaaniin ,misooma waktiiwwan Bonaa bara Kanaan misoomni Qamadii Jallisii lafa heektaara kuma 96 ol irratti misooma.
Sochii hojii hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 47 ol qotamuusaa fi lafti heektaarri kuma 27 ol immoo hojiin sanyii facaasuu hojjetamuu dubbataniiru.
Deeggarsa Sanyii fooyya’aa Yuunivarsiitiin Haramayaa taasise oomishaa fi oomishtummaa Qamadii Godinichatti guddisuuf akka gargaaru ibsuun, deeggarsa taasifameefis galateeffataniiru.
Bulchiinsa magaalichaatti lafa heektaara 128 Qamadii Jallisii Boneen misoomsuuf qophiin xumuramuu itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Maayaa Obbo Zallaqaa Abdataa ibsaniiru.
Deeggarsa Sanyii fooyya’aa Qamadii Yuunivarsiitichi taasisee oomishtummaa Qamadii Qonnaan Bulaan eegale guddisuuf humna dabalataa akka ta’u dubbataniiru.